Nagaa, tokkummaa fi walooma gabbisuun biyyattii sadarkaa guddiaa caalutti ceesisuuf shoorri abbootii amantaa olaanaadha - ENA Afaan Oromoo
Nagaa, tokkummaa fi walooma gabbisuun biyyattii sadarkaa guddiaa caalutti ceesisuuf shoorri abbootii amantaa olaanaadha

Adoolessa 28/2017(TOI)- Nagaa, tokkummaa fi walooma gabbisuun biyyattii sadarkaa guddiaa caalutti ceesisuuf shoorri abbootii amantaa olaanaa ta’uu akka qabu barreessaan Waliigalaa dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa dubbatan.
Konfaransiin nageenyaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa mata duree “amantaa nageenya, tokkummaa fi waloomaaf” jedhuun magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jira.
Barreessaan Waliigalaa dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa baniinsa yaa’icharratti akka jedhanitti, gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa dhaabsisuu fi hariiroon ummattootaa akka cimu gochuun gumaacha taasisaa jira.
Nageenyi waaraan akka bu’u shoorri dhaabbilee amantaa waan ta’eef gumaachasaanii cimsanii ittifufuu qabu jedhaniiru.
Gumiin kun nageenya fullaasuu fi cimee akka cimuuf yaa’ii nageenyaa eegale fuulduras ciminaan ittifufuuf dhaloota boruuf biyya wayyitu dabarsuu qaba jechuun ibsaniiru.
“Abbootiin keenya kaleessaa ashaaraa seennaa nageenya, waloomaa fi tokkummaarratti kaa’anii darbaniiru” kan jedhan barreessaan waliigalaa kun gana gabbisuuf ittigaafatama keenya bahuu qabna jedhaniiru.
Kaayyoon yaa’ii nageenyaa kunis qaama waldhabdeen kutaalee biyyattii tokko tokkotti mul’atan akka dhaabatanii fi nageenya waaraa buusuuf taasifamuu akka ta’e eeraniiru.
Nageenyan tokkummaa fi walooma gabbisuun biyyattii guddina caalutti ceesisuuf shoorri abbootii amantaa guddaa waan ta’eef shoora kana bahachuu qabna jedhaniiru.
Itti aantuun bulchaa naannichaa Roozaa Umar aa’icharratti akka jedhanitti, barsiifni nageenyaa abbootiin amantaa manneen amantaatti hordoftootasaanii barsiisan cimuu akka qabu himaniiru.
Gumiin dhaabbilee amantaa hojii nageenya buusuu fi cimsuu jalqabame fuulduras jabeessee ittifufuu akka qabu dubbataniiru.
Walitti qabaan gumii dhaabbilee amantaa naannoo Hararii Sheeh Abdusalaam Jibriil, yaa’iin kun barsiifni dhaabbileen amantaa hordoftoota manneen amantaa keenyatti barsiifnu nageenya, araarrii fi dhiifamaa kan gabbisu akkasumas nageenyi biyyaa akka waara’u gumaacha kan taasisu ta’uu dubbataniiru.