Konfaransiin ngeenyaa Biyyaalessaa magaalaa Hararitti gaggeeffamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Konfaransiin ngeenyaa Biyyaalessaa magaalaa Hararitti gaggeeffamuu eegale

Adoolessa 28/2017 (TOI)-Konfaransiin ngeenyaa Biyyaalessaa 4ffaan dhaabbilee amantaawwan Itiyoophiyaa mata duree “amantaa nageenya, tokkummaa fi waloomaaf” jedhuun magaalaa Hararitti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’iin nageenyaa dhaabbileen amantaawwan Itiyoophiyaa gumii dhaabbilee amantaawwan naannoo Hararii waliin ta’uun qopheesse mata duree “amantaa nageenya, tokkummaa fi waloomaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Itti aantuun bulchaa naannoo Hararii Roozaa Umar, barreessaan waliigalaa yaa’ii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaay Taaddalaa, bakka bu’oonni paatiraarkotaa dhaabbilee amantaawwan Itiyoophiyaa, keessummoonni naannolee garagaraa irraa waamamanii fi hooggantoonni olaanoon naannichaa yaa’icharratti argamaniiru.
Gumiin dhaabbilee amantaa fi hooggantoonni biiroo nageenyaa fi tasgabbii naannolee hundaa fi bulchiinsota magaalaa lamaanii 300 ta’an yaa’ii biyyaalessaa kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u, sanadoonni lama dhihaatanii mariin akka gaggeeffamu ni’eegama.
Dabalataanis hirmaattonni dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa fi hojiilee misoomaa naannichatti raawwatanan nidaawwatu jedhameetu eegama.