Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara Erbaasii A350-1000 4ffaa har’a harkatti galfate - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara Erbaasii A350-1000 4ffaa har’a harkatti galfate

Adoolessa26/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara Erbaasii A350-1000 4ffaa har’a harkatti galfachuusaa beeksise.
Xiyyaarichi teeknooloojiin maamiltootaaf tajaajila olaanaa kennuu dandeessisu kan qabu ta’uunis ibsameera.
Xiyyaarri A350-1000 imaltoota 350 hanga 410 qabachuu kan danda’udha.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Erbaasii A350-1000 Xiyyaarota Afur bituuf ajajee kan ture yoo ta’u, Xiyyaara dhumaa har’a harkatti galfachuusaa deeffannoo TOI’f ergeenbeeksiseera.
Xiyyaarri A350- 1000 daandiin Qilleensichaa harkatti galfate adda kan ta’ee fi Afriikaatti kan jalqabaa ti.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Onkoloolessa 26 bara 2017 xiyyaara Imaltootaa Afriikaa irraa kan jalqabaa kan ta’e A350-1000 harkatti kan galfate yoo ta’u, xiyyaaricha “Ethiopia land of Origins” kan jedhuun moggaaseera. kunis hawwata Tuurizimii Itiyoophiyaa beeksisuu waliin kan walqabatedha.
Xiyyaarichi balalliisaa jalqabaa Onkoloolessa 26 bara 2017 gara Naayijeeriyaa Magaalaa Legositti taassisuunsaa hin dagatamu.
Daandiin qilleensichaa Xiyyaarota 160 ol yeroo ammaa qabu keessaa bakkeewwan Balallii Idil-Addunyaa 140 ol fi balallii biyya keessaa 22 qaba.
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa A.L.A bara 2035 galii waggaasaa gara doolaara biiliyoona 25 oltti guddisuunii fi waggaatti Imaltoota Miiliyoona 67 imalchiisuuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.