Hojiiwwan ijoo Mnistirri muummee Dr Abiyyi Ahimad baati Waxabajjii fi Adoolessaa bara 2017 hojjetan - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan ijoo Mnistirri muummee Dr Abiyyi Ahimad baati Waxabajjii fi Adoolessaa bara 2017 hojjetan

Mnistirri muummee Dr Abiyyi Ahimad baatii Waxabajjii fi Adoolessaa bara 2017 hojiilee walitti aanaa hojiirra oolmaa imaammata biyyaalessaa ijoo t’an, riifoormii biyyaalessaa, dippilomaasii tarsiimawaa riijinii fi idil addunyaa karaa si’achiisuun raawwataniiru. Haala Kanaan hojiilee ministirri muummee Abiyyi biyya keessatti hojjetan keessaaa raawwii karooraa bara 2017 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana maree irraa gaafatamaniif deebii fi ibsi kennan ni’eerama
Sadarkaa idil addunyaatti yaa’ii hooggantoota BRICS 17ffaa irratti hirmaachuun tumsi tarsiimawaa olaanaan hooggantoota addunyaa waliin taasisan maqaa Itiyoophiyaa olkaaseera. Kan biraan taateen sochiin dippilomaasii olaanaa kabajamoo ministira muummee yaa’ii sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa Itiyoophiyaan qopheessitee fi hooggansi cimaan itti kennamedha.
Raawwii karoora mootummaa bara 2017 ilaalchisuun kabajamoon ministira muummee Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa bal’aa kennaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dinagdee fi fooyyessi dinagdee akkasumas milkaa’inoota galmaa’anii fi gufuulee mudatan ibsaniiru.
Ibsa Kanaan dhimmi gara riifoormii dinagdee goorootti nugalche inni tokko cabiinsa cabiinsa dinagdee goorooti, kunis hojii dhabdummaa, qaala’insa gatii, madaaliin alergii fi alaa galchiin walsimuu dhabuun ibsama jedhaniiru. Kan lammataa damee dhuunfaaf haalli hojii mijataan hinturre. Sadaffaan oomishtummaadha. Gama qonnaanis industiriinis oomishtummaan keenya murteessaadha.Kan afraffaan dinadee dorgomuu danda’u hin uumne jedhaniiru.
Kanneen garaa jabaannee furuun cabiinsa dinagdee gooroo furuu nidandeenya jenneetu hojiitti galle jechuun eeran kabajamoo ministirri muummee. Akka ibsa isaaniitti hojiilee riifoormii mootummaan taasisee fi tumsa godhameen, bara 2017 gama qonnaan, Industiriin, Albuudaan, Tajaajilaan, Faayinaansiin, daldala alaa fi kanneen biroon milkaa’inni galmaa’uu miseensota mana mareef ibsaniiru.
Nagaa fi tasgabbii ilaalchisuun kan ibsan yoo ta’u, sababni rakkoo nagaa fi tasgabbii Itiyoophiyaa keessa jiru inni ijoon ilaalcha siyaasaa dogoggoraa akka ta’e kabajamoo ministira muummee Abiyyi Ahimad himaniiru.
Dippilomaasii fi sochii wayitaawaa Itiyoophiyaan biyyoota ollaa ilaalchisuun hordoftu Kabajamoon ministira muummee Abiyyi Ahimad yoo ibsan, biyyittiin ollaa malee jireenya hinqabdu jedhaniiru.Keessumaa Itiyoophiyaan waggoottan toorba dare biyyoota ollaa kamiyyuu waliin walitti akka hinbuune ibsaniiru.
Kabajamoon ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii BRICS 17ffaairratti hirmaachuuf Riyoodiijeneeroo wayita dhaqan yaa’iin dura pirezidaantii Biraazil Luwiis Inaachiyoo Lulaa De Siilvaa waliin wal arganii dhimmoota gamlamee fi gama hedduurratti mari’ataniiru. Mariin isaanii hariiroo biyyoota lamaanii dhiheenya guddachaa dhufe calaatti cimsuuf fuulduratti kan tarkaanfachiise ture. Walitti hidhamiinsa daldalaa fi Invastimantii caalaa cimsuuf waliigalaniiru.
Haala walfakkaatuun Kabajamoon ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muumme Chaayinaa Lii Kiiyaang waliin hariiroo Itiyoo-Chaayinaa waggoota 55 guute irratti mari’ataniiru. Tumsitoonni hariiroonsaanii haalaan hin jijjiiramne (all weather strategic partners) kunneen waggoottan toorban darban firii agarsiiseera. Xiyyeeffannoon biyyoota lamaanii utubaalee dinagdee ijoo Industirii, Albuudaa fi ICT akka jirytti ta’ee tumsa dameelee biroo cimsuu fi dandeettii dilbii hubannoo namtolchee, loojistiksii fi madden anniisaa qulqulluu misoomsuurratti qaban hubataniiru. Dabalataanis Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad waltajjii baniinsaa nagaa, tasgabbii fi hooggansa idil addunyaa yaa’ii BRICS 17ffaa Riiyoo Dii Jeniiroo irratti dubbii dubbataniin, tumsa milkaa’aa dandeessisuuf dhaabbilee idil addunyaa wal amantaa guddisan jiraachuun ariifachiisaa ta’uu kaasaniiru. Nageenya waloo daabbilee maallaqaa idil addunyaa fi badhaadhina hunda hammataa fiduuf akka gargaaru caasaan kenniinsa murtoo karaa guutuu ta’een karaa itti fooyya’u irratti cimsanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaan bara 2015 BRICS’tti kan makamte yoo ta’u michooma dinagdee qofa osoo hintaane biyyoota addunyaa haqa qabeessa, kallattii hundaan walqixxummaa itti jiraatu uumuuf hojjetan waliin walqixa kan keessatti hiriirtedha. Itiyoophiyaan Miseensa BRICS ta’uusheetiin kanneen akka milkaa’an keessumaa waltajjiiwwan murtoo idil addunyaa kennan gabaa haaraa fi biyyoota guddachaa jiraniif bakka bu’ummaa bal’aa haala itti argatan irratti dammaqinaan gumaacha nitaasifti.
Dhiibbaa dhufaa jirus Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad “BRICS yaada haaraa cimaa irraa ka’ee jijjiirama idil addunyaaf kan hojjetu humna cimaa gara ta’uutti ceheera. Miseensonni haaraan waan dabalamuusaaniitiin sagaleen waloo caalaatti nicima. Kaayyoon waloo keenya caalaatti nicima. Dandeettiin keenya nibal’ata.”
Itiyoophiyaan bara 2017 guddina mul’ataa fi imala guddinaa bara 2018’f itti fufe raawwatteetti. Haala Kanaan Kabajamoon ministira muummee Abiyyi Ahimad miseensota mana maree ministirootaa walitti qabuun karoora guutuu dameelee hundaa bara 2018 hojjechuuf qophaa’e e fi karoora misoomaa biyyaalessaa qorataniiru.
Akkasumas Itiyoophiyaan baatii Adoolessaa keessa yaa’ii sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaa Finfinneetti guyyoota sadiif milkaa’inaan qopheessuusheetiin Kabajamoon ministira muummee Abiyyi Ahimad hooggantootaa fi gaggeessitoota dhaabbilee biyyoota garagaraa haasofsiisaniiru. Ministira muummee rippaabiliikii Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meeloonii dabalatee Pirezidaantii rippaabiliikii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheeh Mahaamud fi pirezidaantii gamtaa Komoroos Azaalii Asumaanii simatanii dhimmoota gamlamee, riijinii, Ardii fi idil addunyaarratti mari’ataniiru.
Dabalataanis Kabajamoon ministira muummee Abiyyi Ahimad yaa’iin dura itti aantuu barreessaa olaanaa mootummoota gamtoomanii Amiinaa Mahaammad fi gaggeessitoota dhaabbilee idil addunyaa biroo dubbisaniiru. Guutuu Afriikaa fi addunyaa birootti Barbaachisummaa sirna soorataa fulla’aa, hammataa fi qormaata garagaraan himiidhamne dabalatee dhimmoota biroorratti marii bu’a qabeessa taasisaniiru.
Itiyoophiyaan imaammatashee qindoomeen, hojii qonnaa eegumsa qilleensaaf deebii kan kenneen akkasumas wabii nyaataa fi hundaaf nyaata madaalawaa dhiheessuun tooftaanshee hawaasaan durfamu ejjennoo fi gocha cimaa sirna nyaataa fooyyessuuf qabduun itti fufuushee ministirri muummee Abiyyi cimsanii kaasaniiru.
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad yaa’ii baniinsaa sirna nyaataa mootummoota gamtoomanii lammaffaarratti argamanii dubbii dubbataniiru. Kabajamoo ministirri muummee Abiyyi Ahimad dubbii dubbataniin akka ibsanitti, invastimantii bu’ura misoomaa baadiyyaa fi sirna nyaataarratti taasifaman guddisuuf faayinaansiingiin Konseeshinaaliin eegamu barbaachisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.
Imala milkaa’aa Itiyoophiyaan cehumsa sirna nyaataa irratti taasifte ministirri muummee ibsanii, guddina oomisha biyya keessaarratti invastimantii guddisuun, maxxantummaa oomishoota alaa galanirratti jiru hir’isuun fi fuulduratti sirni dhalootaaf qormaata hintaane akka dhugoomu gochuurratti bu’aan guddaan argamuu eeraniiru. Wayita kana Masaraa biyyaalessaatti hirbaata afeeraniiru.
Walumaa gala baatii Waxabajjii fi Adoolessaa bara 2017 qorannoowwan imaammata biyyaalessaa akka taasifaman, walgahiiwwan idil addunyaa gurguddoon akka gaggeeffamanii fi hirmaannaan dippilomaasii waltajjii idil addunyaarratti akka uumamu hooggansa cimaa kennaniiru. Hojiin hundi guddina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi barbaachisummaa tarsiimawaa sadarkaa idil addunyaatti qabdu mul’isuuf kan akeekamanidha.