Itiyoophiyaa beeksisuuf hojii hojjetameen baay’inni tuuristii dabaleera - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa beeksisuuf hojii hojjetameen baay’inni tuuristii dabaleera

Adoolessa 25/2017(TOI)- Qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaa beeksisuuf hojii hojjetameen baay’inni tuuristii akka dabalu gochuusaa ministeerri tuurizimii beeksise.
Utubaalee guddinaa damee heddumminaa mootummaan xiyyeeffannoo kenneef shan keessaaTurizimiin isa tokkodha.
Waggoota toorban darban bakkeewwan tuurizimii misoomsuun gamatti hojiileen tuurizimiif bu’ura ta’an hojjetamaa jiru.
Ministeera tuurizimiitti dursaan hojii raawwachiisaa tuurizim piroomooshinii Tashoomaa Takluu TOI’tti akka himanitti, Itiyoophiyan biyyoota garagaraan akka beekamu hojjetamaa jira.
Yeroo ammaa bakkeewwan tuurizimii Itiyoophiyaa Embasii fi waajjiraalee qoonsilaa Itiyoophiyaatti hojii ijoo godhachuun beeksifamaa jira jedhaniiru.
Embaasonnii fi waajjiraaleen qonsilaa qabeenya tuurizimii beeksisuun cinaatti hariiroon gamlamee Itiyoophiyaan biyyoota garagaraa waliin qabdu guddisuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Taateewwan garagaraa sadarkaa addunyaatti gaggeeffamanitti gargaaramuun bakkeewwan tuurizimii beeksisuun kallattii xiyyeeffannoo isa tokko ta’uu kaasaniiru.
Eksipoowwan Jarman Barliin, Chaayinaa Beejiingitti fi Ingiliz Landanitti gaggeeffaman irratti hirmaachuun qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu beeksifamuu wabeeffataniiru.
Akkasumas biyyoota ollaa, Isiyaa akkasumas jiddugaleessa bahaatti gabaan filannoof ta’u babal’isuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Afriikaa bahaa dabalatee Itiyoophiyaan biyyoota garagaraatti akka beekamtu godhamuunsaa baay’inni tuurizimii oolee bulee dabaluu akka dandeessise beeksisaniiru.
Itti aanaan pirezidaantii waldaa dhaabbata daawwachiisaa Itiyoophiyaa guddichi Inquu Mulugeetaa gamasaaniin, Tuuristoonni Itiyoophiyaa akka daawwatan waldichi bal’inaan hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Kanneen keessaa biyyoota Afriikaa bahaa waliin walitti hidhata uumuun tuuristii walharkaa fuudhuun akka danda’amu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Walitti hidhanni kun daawwattoonni Afriikaa bahaa dhufan Itiyoophiyaa bakka gahumsaa godhatanii akka daawwatan gochuuf gumaacha guddaa taasisaa akka jiru eeraniiru.
Ogeeyyonni damee tuurizimiirra hojjetan qooqa biyyoota garagaraa akka danda’an gochuun tuuristoota biyya alaa hawachuu irratti akka hirmaatan taasifamaa akka jiru kaasaniiru.