Bulchiinsi Magaalichaa Ittifufiinsa Pirojektoota Misoomaa Hundaaf Mjatuu fi Hammataa mirkaneessuuf Xiyyeffannoon Nihojjeta- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Adoolessa 25/2017(TOI)- Bulchiinsi Magaalichaa Ittifufiinsa Pirojektoota Misoomaa Hundaaf Mjatuu fi Hammataa mirkaneessuuf Xiyyeffannoon akka hojjetu Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanach Abeebee gidduugala gabaa pilaazaa Araat kiiloo tti ijaaramee fi bakkeewwan dhaabbii konkolaataa  eebbisuun tajaajilaaf banaa godhaniiru.

Kantiibaan kun wayita sana akka ibsanitti, Magaalichatti Pirojektoonni nama irratti Xiyyeeffatan Qulqullinaa fi Yeroo Qabameefiitti raawwatamaa jiru.

Pirojektoonni kun kalaqawwan haaraan kan deeggaramanii fi  seenaa Magaalicha eeguun kan ijaaramuun olitti jiraattota fayyadamoo kan godhanidha jedhaniiru.

Hojiin siyaasa keenyaa hawaasa fayyadamaa gochuu fi Badhaadhina mirkaneessuudha kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee, pirojektoonni kun agarsiistuu kutannoo waadaa galle qabatamaan hojiirra olchuu ta’uu dubbataniiru.

Suuqiiwwanii fi tajaajiloota garagaraaf oolan kan Araat Kiilootti ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota dhibba tokkotti dhaabsisuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

 jiraattonni bu’aa maxxansaa haala mijataan argachuu akka danda’anitti bakkeewwan namoota kuma 5 ol keessummeessuu danda’an akka qaban ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalichaa  Pirijektoota Misoomaa Hundumaaf Mijataa fi hirmaachisaa ittifufinsa isaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu mirkaneesseera.

Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaa biiroo Misooma Induustirii Jaanxiraar Abbay gamasaaniin,  Magaalichatti Misooma koriidaraa olitti   pirojektoonni fayyadamummaa jiraattotaa mirkaneessan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

pirojektoonni misoomaa  waggaa tokko keessatti baasii guddaan ijaaramanii tajaajilaaf banaa kan ta’an qaama kanaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015