Dureeyyiin kaappitaala birrii biiliyoona 30 ol galmeessisan zoonii dinagdee addaa Gadaa seenan

Adoolessa 25/2017 (TOI)- Bara bajataa xumurame dureeyyiin kaappitaala birrii biiliyoona 30 ol galmeessisan zoonii dinagdee addaa Gadaa seenuusaanii hojii raawwachiisaan olaanaa zoonii dinagdichaa ibsan.

Hojii raawwachiisaan obbo Mootummaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, zooniin dinagdee addaa Gadaa dameelee qonna, industirii fi tajaajilaarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.

Omisha qonnaarratti galtee dabaluu, industirii fi oomishaalee maanufaakchariingiindaldala alergii guddisuu fi oomishaalee alaa galan kan bakka bu’an bal’inaan biyya keessatti oomishuuf akeekkatee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Bara bajataa xumurame dureeyyiin 19 kaappitaala birrii miiliyoona 30 ol galmeessisan godinicha seenuu eeraniiru.

Haala mijataa uumuuf bu’uraaleen misoomaa diriirfamaa akka jiruu fi hojiileen ijaarsa sabisteeshinii anniisaa dabarsanii dhiheenyatti hojii akka jalqaban dubbataniiru.

Bu’urri misoomaa daandii fi bishaanii akkasumas jiddugaleessi gabaa ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.

Dureeyyiin daldala riijinii keessa akka galan jiddugala gabaa konkolaataa ijaaramaa jiraachuu beeksisaniiru.

Zooniin dinagdee lammiileef carraa hojii uumuun rakkoo hojii dhabdummaa furuuf gumaacha gochaa jira jedhaniiru.

Bara bajataa jalqabames dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa simachuuf qophoofneerra jedhan.

Obbo Mootummaan akka ibsanitti, lafa heektaara 700 zoonii dinagdee addaa Gadaatti qophaa’e keessaa amma ammaatti heektaara 100 kan ta’u dureeyyii zoonicha galaniif dabarfameera.

Fuulduras lafti qindaa’e bu’ura misoomaa guutuu waliin dureeyyiif dabarsuuf qophiin xumuramaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015