Itiyoophiyaan sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootiin Biqiltuu miiliyoona 714 tuqaa 7 dhabuun karoorashee milkeessiteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootiin Biqiltuu miiliyoona 714 tuqaa 7 dhabuun karoorashee milkeessiteetti

Adoolessa 24/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootiin Biqiltuu miiliyoona 714 tuqaa 7 dhabuun galmee mataashee fooyyessuushee ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee ubsan.
Itiyoophiyaan sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo miiliyoona 700’n biqiltuu miiliyoona 714 tuqaa 7 dhaabuun kan karoorfatte milkeessiteetti jedhaniiru.
Karoorri mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfame wabii nyaataa mirkaneessuuf, Itiyoophiyaa magariisa uffisuu fi dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf kan dandeessisudha.
Sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu hundi irratti hirmaate milkaa’inaan xumurameera.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti miiliyoona 700 Itiyoophiyaanonni yoo wal ta’an raajii hojjechuu akka danda’an irra deebi’uun kan itti agarsiisan ta’uun isameera.
Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee saganyaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti miilyoona 700 dhaabuun milkaa’inaan xumuramuusaa ilaalchisuun ummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni waamicha gaggeessaa isaanii dhagahanii deebii kennuun guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 714 tuqaa 7 dhhaabaniiru jedhaniiru.
Sagantaan Itiyoophiyaanonni bal’inaan irratti hirmaatan kun milkaa’inaan yoo xumuramu namoonni miiliyoona 29 tuqaa 7 hirmaataniiru jedhaniiru.