Itiyoophiyaan eegumsa naannoon qooda adda durummaashee bahachaa egeree fooyya’aa ijaaraa jirti-Dippilomaatotaa fi Invastaroota biyya alaa

Adoolessa 24/2017(TOI)- Itiyoophiyaan eegumsa naannoon qooda adda durummaashee bahachaa egeree fooyya’aa ijaaraa akka jirtu Dippilomaatonnii fi Invastaroota biyya alaaibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sagantaa biqiltuu miiliyoona 700 guyyaa tokkotti dhaabamu barii har’aa Jimma masaraa abbaa Jifaaritti jalqabsiisaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitti gaggeeffameera.

Saganticharratti kan argaman Itiyoophiyaatti dippilomaatiin olaanaa embaasii Chaayinaa Liiyuu Jiyawoguwang sagantaa kanarratti hirmaachuusaaniitti gammaduusaanii ibsaniiru.

Chaayinaan qaama tumsa misooma magariisaa ta’uusheetti nigammaddi  kan jedhan dippilomaatiin olaanaa kun, hariiroon gama Kanaan biyyoonni lamaan qaban guddachaa dhufuu ibsaniiru.

Chaayinaan cehumsa teeknooloojii fi meeshaalee kaarbooniin  gadi lakkifaman ittiin to’ataman Itiyoophiyaa deeggaraa akka jirtu himaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa Saafaariikoom Itiyoophiyaa Wiim Vanhelput Biqiltuu dhaabun hojii guddaa dhalootarraa dhalootatti darbudha, ofduuba deebi’uun hojii har’a hojjetame dinqisiifatu jechuun ibsaniiru.

Kaampaaniiwwan akka Saafaariikoom ashaaraa magariisaa mootummaa waliin dhaabachuun kan hojjetan ittigaafatama waloo ta’uu himaniiru.

Kaampaaniiwwan dhuunfaa fi dhaabbileen idil addunyaa ashaaraa magariisaa fi inisheetiiviiwwan biroo dhalootaaf darbanirratti akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa Stiil piroofaayiliing fi Biwuuldiing Itiyoophiyaa Mahidii Zemuchii ashaaraa magariisaarratti hirmaachuusaaniitti kabajni akka itti dhagahame ibsanii, waamicha Itiyoophiyaa raajeffataniiru.

Itiyoophiyaan dhimma eegumsa qilleensa naannawaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennitee hojjechaa akka jirtu hubachuusaanii dubbataniiru.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu maqaa gaarii Itiyoophiyaa kan ijaaru ta’uu eeranii, dureeyyonni biyya alaa Itiyoophiyaatti invast akka godhan waamicha dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015