Ummanni Wallagga Bahaa Milkaa’ina nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun argate ashaaraa magariisaan dabaluu qaba

Adoolessa 24/2017(TOI)- Ummanni Wallagga Bahaa Milkaa’ina nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun argate ashaaraa magariisaan dabaluu akka qabu sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara magaalotaa Masfin Malaakuu Hubachiisan.

Obbo Masfin dabalatee hooggantoonni olaanoo naannoo fi godinaa sagantaa biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti godina Wallagga Bahaa aanaa Diggaatti dhaabmaa jirurratti argamaniiru.

Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeesaan kilaastara magaalotaa naannichaa Masfin Malaakuu akka jedhanitti, ummanni godinichaa mootummaa waliin qindaa’ee hojii hojjeteen gama nageenyaatiin hojiin bu’a qabeessi hojjetameera.

Ganna keessa jirru kanattis bu’aa ummanni nagaa fi tasgabbii buusuun argate sagantaa ashaaraa magariisaan dabaluu akka qabu hubachiisaniiru.

Keessumaa oomishaa fi oomishtummaa naannawasaa guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf sagantichi faayidaa guddaa akka qabu hundi hubachuu qaba jedhaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa carraa hojii uumuuf, madda galiif, xaa’ummaa laft akka kosaa’u, wabii nyaataa mirkannesssuuf grgaarsa guddaa taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Ummanni godinichaas mootummaa waliin dhaabachuun nagaa fi tasgabbii naannawasaa mirkaneessuun hirmaannaa misoomarratti taasisu guddisuu akka qabu himaniiru.

Bulchaan godina Wallagga Bahaa Waaqgaarii Nagaraa gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa godinichatti qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru.

Hwaasni sagantaa dhaabbii biqiltuu daabuu guyyaa tokkoo godinichatti  raawwatamaa jirurratti bal’inaan bahee hirmaachaa akka jiru ibsanii, baatii gannaa hafettis dhaabbiin biqiltuu cimee ittifufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015