Kessummoonni yaa’ii sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti hirmaatan gaggeeffaman

Adoolessa 22/2017(TOI)- Kessummoonni yaa’ii sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti hirmaatan gaggeeffaman.

Haala Kanaan yaa’icharratti kan hirmaatan itti aantuun barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Amiinaa Mahaammad buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti gaggeeffamaniiru.

Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad buufata xiyyaaraa idil addunyaatti argamuun gaggeessaniiru.

Haala walfakkaatuun ministirri daldala alaa fi eksipoortii beeksisuu Aljeeriyaa Kemel Raziig, daarektarri olaanaa FAO Kiiyuu Doongiyuu biyyasaaniitti wayita deebi’an gaggeeffamaniiru.

De’eetaan Ministira Ittisaa Toomaas Tuut fi De’eetaan Ministira Nageenyaa Dr.Keeyiraddiin Tazarraa buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaniiru.

Yaa’iin Sirna Soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Adoolessa 2o hanga 22 bara 2017tti  Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015