Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf oomisha alaa galu hir’isuun oomisha biyya keessaarratti hojjechaa jirti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Adoolessa 21/2017(TOI)- Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf oomisha alaa galu hir’isuun oomisha biyya keessaarratti kutannoon hojjechaa akka jirtu Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Yaa’iin lammaffaan sirna soorataa Itiyoophiyaan Xaaliyaanii fi Dh.M.G waliin ta’uun qopheessite Finsinnee komishinii dinagdee Afriikaatti gaggeeffamaa jira.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad akkasumas ministirri muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii, dura taa’aan gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yuusuuf, Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammad,Pirezidaantiin Komoroos Azaalii Asumaanii, Itti aantuun barreessaa olaanaa Dh. M.G Amiinaa Mahaammad fi hooggantoonni biyyoota garagaraa biroo fi hooggantoonni dhaabbilee idil addunyaa saganticharratti argamaniiru.

Yaa’iin kun yaa’ii Itiyoophiyaan cehumsa sirna nyaataa mirkneessuuf bu’aa olaanaan ashaaraa magariisaa, misooma Qamadii, maaddii guutuu, soorata barattootaan galmeessifte muuxannoo irratti dhiheessitudha.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita akka jedhanitti, addunyaan sirna soorataa hammataa, haqa qabeessaa fi rakkoof hinsaaxilamne ijaaruuf qormaata keessa akka jirtu ibsaniiru.

Sirni soorataa addunyaa dhiibbaa hedduu keessa galuunsaa ammoo kabaja namoomaa kan tuquu fi tasgabbii biyyootaa kan qorudha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan maxxantummaa alaa jalaa bahuun nyaataan ofdanda’uuf oomisha biyya keessaarratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Ityoophiyaan yaa’ii jalqabaa sirna soorataa Dh.M.G irratti roodmaapppii cehumsa sirna soorataa hammataa ifoomsuushee kan yaadachiisan ministirri muummee, roodmaappichi riifoormii dinagdee mandhaleen kan wal sime ta’uu kaasaniiru.

Kunis sirna qonnaa fi bulchiinsa lafaarratti imaammata fooyyessuun sirna nyaataa Itiyoophiyaa hammataa kan rakkoof hinsaaxilamnee fi fulla’aa gochuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.

Sirna soortaa madaalawaa Guutuu Itiyoophiyaan gahuuf akshin pilaaniiwwan 700 caalan hojiirra oolaniiru jedhan.

Cehumsa hunda hammate hojiitti jijjiiruun qabatamaan bu’aa argauu eegalleerra jedhaniiru.

 Maaddii guutuu, waadaa Saqoxaa, omishaa fi omishtummaa qonnaa mirkaneesuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 40 caalu dhaabuun eegumsa naannoo fi jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf qooda bahaa akka jirtu ibsaniiru.

Sagantaan Soorata barattootaa lammiilee hanqinni soorataa mudatu irratti xiyyeeffate pirojektii biyyaalessaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015