Tajaajiloonni mootummaa 900 caalan tariismoo dijitaal Itiyoophiyaa 2025’n dijitaalaayiz taa’aniiru

Adoolessa 19/2017(TOI)- Tajaajiloonni mootummaa 900 caalan tariismoo dijitaal Itiyoophiyaa 2025’n dijitaalaayiz  gochuun akka danda’ame ministeerri innoveeshinii fi teeknooloojii beeksise.

Ministera innoveeshinii fi teeknooloojiitti dursaan hojii raawwachuusaa damee dinagdee dijitaalaa Siyyum Mangashaa TOI’f akka ibsanitti, tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiileen hedduun hojjetamaniiru.

Tarsiimoon kun hojiirra ooluu erga jalqabee asitti jijjiiramoonni hedduun dameelee garagaraan galmaa’uusaanii dursaan hojii raawwachiisasa kun eeraniiru.

Sirna kaffaltii dijitaalaa gama diriirsuun, tajaajila dijitaalaa gama bal’isuutiin akkasumas waraqaa eenyummaa dijitaalaa kennuun hojiin quubsaan hojjetamuu fakkeenya kaasaniiru.

Tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2015’n jiddugaleessonni daataa ijaaramuusaanii akkasumas dhiheessiin  intarneetii fi elektiriikii babal’achaa dhufuu ibsaniiru.

Baay’inni fayyadamtoota Moobaayilii fi Intarneetii dabaluusaa fi sirni kaffaltii dijitaalaa dabalaa akka jiru ibsaniiru.

Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom ireehiywoot Taammiruu raawwii hojii bara bajataa 2017 wayita dhiheessan magaalota 16 neetwoorkii 5G fi magaalota 512  neetwoorkii 4G qaqqabsiisuun akka danda’ame ibsuunsaanii niyaadatama.

Buufataaleen Moobaayilii hedduun ijaaramuusaanii kaasanii, yeroo ammaa sadarkaa biyyaalessaatti buufataaleen moobaayilii kuma 10 caalan tajaajila kennaa akka jiran ibsanii, baay’ina fayyadamtootaa miiliyoona 83 tuqaa 2’n gahuun akka danda’ame ibsuunsaaniis niyaadatama.

Tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2025’n amma ammaatti tajaajiloota mootummaa 900 caalan dijitaalaayiz gochuun akka danda’ame ministeera innoveeshinii fi teeknooloojiitti dursaa hojii raawwachiisaan damee dinagdee dijitaalaa Siyyum Mangashaa ibsaniiru.

Tajaajiloota mootummaa dijitaalaayiz gochuun tajaajiloota akka si’achiisu kaasanii, tajaajilli bu’a qabeessi tajaajila jiddugala tokkoo Masoob kennaa jiru fakkeenyaaf kaasaniiru.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa bittaa mootummaa fi bulchiinsaa Masarat Masqalee gamasaaniin,  sirna bittaa mootummaa fi bulchiinsaa dijitaalaayiz gochuusaa ibsaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa si’ataa fi saffisaa gochuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaatti ogeessi kutaa seeraa fi imaammataa Gabri’eelaa Abrihaam, dhimmoota ijaarsa dijitaal Itiyoophiyaaf dandeessisan keessaa tokko tajaajila waraqaa eenyummaa dijitaalaa ta’uu ibsaniiru.

Sirni hojmaataa kun hojeeffamuu erga jalqabee kaasee hojmaattonni karaa seeraan alaa qophaa’anii turanii fi waaraqaa irratti bu’uureffatan hambisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Odeeffannoon kun amma qindaa’etti namoonni miiliyoona 20 tuqaa 4 caalan waraqaa eenyummaa dijitalaa fudhachuuf galmaa’uunsaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015