Naannichatti hojiiwwan bu’a qabeessi olaantummaa seeraa mirkaneessuun nageenya waaraa kabachiisuu dandeessisan hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti hojiiwwan bu’a qabeessi olaantummaa seeraa mirkaneessuun nageenya waaraa kabachiisuu dandeessisan hojjetamaniiru

Adoolessa 19/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti hojiiwwan bu’a qabeessi olaantummaa seeraa mirkaneessuun nageenya waaraa kabachiisuu dandeessisan hojjetamuusaanii af-yaa’iin mana maree naannichaa Faantuu Tasfaayee ibsan.
Manni maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 10ffaa bara hojii waggaa 4ffaa masaa 6ffaa gaggeessuu eegaleera.
Af-yaa’iin mana maree naannichaa Faantuu Tasfaayee baniinsa ya’ichaarratti akka dubbatanitii, naannichatti hojiiwwan bu’a qabeessi olaantummaa seeraa kabachiisuun naheenya mirkaneessuu dandeessisan raawwatamaniiru.
Hojiileen sirna haqaa fi murtii fooyyessuu danda’an hedduun hojjetamuusaanii kaasanii, labsiiwwan 10 caalan mirkanaa’anii hojiirra ooluu dubbataiiru.
Qaama raawwachiisaarratti hordoffii cimaa taasisuun raawwiin pirojektoota fooyya’aa dhufuurra darbee xumuramanii tajaajilaaf akka oolan tumsamaa jira jedhaniiru.
Fuulduras nageenya naannichatti bu’e cimsuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf qaamni raawwachiisaan qindoominaan hojjechuu akka qabu eeranii, manni maree hordoffii gochuun ittigafatamasaa akka bahu beeksisaniiru.
Yeroo kana bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa gabaasa raawwii karoora bara 2017 mana mareef dhiheessaaa jiru.
Yaa’iin kun Adoolessa 19 amma 23 bara 2017tti ajandaawwan garagaraa irratti mari’atee kallattii fuulduraa nikaa’a jedheetu eegama.