Leenjiin Teekinooloojii Itiyo-koodarsii beekumsaa fi Dandeettii Teekinooloojii guddifachuuf  nu gargaareera

Adoolessa 18/2017(TOI)- Leenjiin Dijiitaalaa Itiyo-koodarsii beekumsaa fi Dandeettii Teekinooloojii duraan qabnu guddifachuuf nu gargaareera jechan leenjitoonni hojjettoota Mootummaa Godina Shawaa Lixaa.

Leenjitoota Itiyoo-koodars TOI’n dubbise akka ibsanitti, leenjichi Meeshaalee Dijiitaalaa Ammayyaa hojiirra olchuu dandeessisuun dandeettii isaanii guddifachuun bu’aa qabeessa kan taasisudha.

Leenjitoota keessaa ObboDarajjee Fiqaaduu, leenjicha fudhachuu isaaniin gammaduu isaanii dubbachuun, hojjettoonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii guddisuu fi hojii haaraa adda addaa uummuuf leenjicha hordofuu akka qaban kaasaniiru.

Leenji’aa biraan obbo Rafeeraa Dhaabasaa gama isaaniin, bara Teekinooloojii kanatti leenjicha fudhachuu isaaniitti gammaduu ibsuun beekumsa fi dandeettii isaanii akka isaaniif guddise dubbataniiru.

Dabalataan Leenjii Itiyoo-Koodarsii kan fudhatan Galaanee Malkaa gamasheen, leenjiin Itiyoo–koodars bara dijiitaalaatti mataashee gahoomsuun dorgomaa ta’uuf dandeettii Teekinoolojiishee guddisuuf akka ishee dandeessise dubbatteetti.

Godina Shawaa Lixaatti Hogganaan Waajjira Paabilik sarvisii fi Qabeenya Misoona namaa Aadde Addisuwaa Shaanqoo, Godinichatti leenjii Itiyoo-koodarsiin Hojjettoota Mootummaa fi dargaggootaaf dandeettii Teekinooloojii Dijiitaalaa gabbifachuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru .

Leenjichi walitti Hidhaminsa Teekinooloojii uumuu fi dandeettii dargaggootaa guddisuuf akkasumas hojii haaraa uumuuf qooda olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun, Godinichatti Hawaasa fedhii qabu leenjisuuf gara hojiitti galamuu dubbataniiru.

Leenjichi lammii teekinooloojiin gahoome uumuuf kan deeggaru waan ta’eef  keessumaa dargaggoonni  carraa Mootummaan mijeesse sirnaan fayyadamuu akka qaban  hubachiisaniiru. 

Godina Shawaa lixaatti bara baajataa 2017tti hojjettoota mootummaa kuma 29 fi  dargaggoonni leenjicha marsariitiin leenji’uun waraqaa ragaa fudhachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015