Bara baajataa qabametti Bulchiinsa Magaalichaatti hojiiwwan Misoomaa Nama irratti  Xiyyeeffatan bal’inaan niraawwatamu

Adoolessa 18/2017(TOI)-Bulchiinsa Diree Dawaatti bara baajata jalqabametti hojiileen misoomaa gaaffii Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii ummataa deebisuu danda’an kan nama irrtti xiyyeeffatan akka raawwataman Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar dubbatan.

Bara baajatichaatti pirojektoonni yeroo fi baajata qabameen qulqullinaan hojjetamanii  xumuramuun tajaajila akka eegalaniif akka hojjetamu ibsameera.

Kantiibaa kadir Juhaar yaa’ii Idilee 10ffaa bara hojii 3ffaa waggaa 4ffaa Mana maree Bulchiinsichaa  gaggeeffamaa jiru irratti argamuuun kallattiiwwan xiyyeeffannoo bara  baajata jalqabamee  hubachiisaniiru.

Bara baajatichaatti Pirojektoota Misoomaa Hiyyummaa fi Hirkattummaa jalaa baasan  hojiirra ni’oolu  jedhaniiru.

Keessumaa bulchiinsa gandota baadiyaatti pirojektii bu’uuraalee misoomaa birmadummaa nyaataa mirkaneessanii fi Misooma Jallisii xiqqaa bara bajataa 2018tti ce’an kan akka Bishaan dhugaatii qulqulluu fi daandii yeroo fi qulqullina, baajata qabameefiin akka raawwataman nihojjetama jedhaniiru.  

Gandoota baadiyaa fi Bulchiinsa Magaalotaatti Pirojektoonni dhaqqabamummaa Barnotaa fi Fayyaa  fayyadamummaa haqa qabeessa  mirkaneessan  bara baajataa haaraatti  akka  hojiirra oolan ibsaniiru.

Gaaffilee bishaan dhugaatii, manneen jireenyaa waloo, daandii fi kanneen biroo bulchiinsichatti mul’atanii fi jiraattotarraa gaafataman furuun fayyadamummaan ummataa kan mirkanaa’u ta’a jedhaniiru.

Gaaffii hojii dhabdummaa sirnaan deebisuu fi qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf  xiyyeeffannon kennamuu dubbataniiru.

Dabalataanis dhaabbilee keessatti Riifoormii dhaloota sadaffaa hojiirra oolchuunii fi Tajaajila MASOB jalqabsiisuun tajaajila si’ataa fi Ariifataa uummata qaqqabsiisuuf  ni hojjetama jedhaniiru.

Akka ibsa kantiibaa Kadiritti karoora qabaman milkeessuuf galii hanga dinagdeen maddisiisuu walitti qabuuf qindoominaan nihojjetama.

Afayaa’iin Mana Marichaa Fatiihiyaa Adan gama isaaniin bara baajataa xumurametti damee hundaan  bu’aa  jajjabeessaa qaamni raawwachiisaan galmeessise sadarkaa olaanaan  guddisuuf kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.   

Keessumaa qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojii dhabdummaa xiqqeessuuf, omishaa fi omishtummaa guddisuuf, damee Tuurizimiin fayyadamaa ta’uuf hojiin eegalaman cimanii akka ittifufan dubbataniiru.

Manni Maree Magaalaa Dirree Dawaa Labsiiwwanii fi danbiiwwan adda addaa fi baajata bara dhufuu raggaassissuun hara’a goolabama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015