Faayidaa biyyaalessaa biyyaaf, tokkummaa sabdaneessummaaf, nageenyaa fi gabbina sirna demokiraasiif waloomaan nihojjenna-Paartilee siyaasaa

Adoolessa 18/2017(TOI)- Faayidaa biyyaalessaa biyyaaf, tokkummaa sabdaneessummaaf, nageenyaa fi gabbina sirna demokiraasiif waloomaan akka hojjetan paartileen siyaasaa waadaa waloo baasaniin ibsan.

Konfaransiin biyyaalessaa ministeerri nagaa fi manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa mata duree “nageenya cimsuuf qooda paartilee siyaasaa” jedhuun qopheessna guyyoota lamaan darbaniif Bishooftuutti gaggeeffameera.

Paartileen siyaasaa konfaransicharratti hirmaatan dirree nageenyaa biyyaalessaa, riijinii fi idil addunyaa fi nageenya biyyaa cimsuuf qooda qabanirratti bal’inaan mari’ataniiru.

Paartileen siyaasaas fakkeenya qabsoo siyaasaa karaa nagaa ta’uu keenya hubannee, kutaa hawaasaa dhaabanneef, nagaan biyyaaf dhalootaa akka cimu akka gaggeessaa siyaasaatti ittigaafatama nurraa eegamu nibaana jedhaniiru.

Sirna demokiraasii ijaaruuf nagaan qooda adda duree qabu hubachuun hojiirra oolmaasaaf qooda fudhattoonni qoodasaanii akka bahan qabxiilee waadaa abbaa keewwata 7 baasaniiru.

Waadaa kanaanis adeemsa siyasaa karaa nagaa fi qaroomee hordofuun kaayyoo siyaasaa isaanii karaa demokiraatawaa, seeraa fi sirnaan akka raawwatan mirkaneessaniiru.

Kabajamuu dhaabbilee demokiraasii fi duudhaaleefakka hojjetan ibsaniiru.

Hammattummaaf, tokkummaa sabdaneessummaa, waliigaltee biyyaalessaa fi faayidaa biyyaalessaaf waloomaan akka hojjetan dubbataniiru.

Bulchiinsi gaarii demokiraatawaa akka bu’u sirna siyaasaa ajandaa, imaammata, dandeettiirratti hundaa’e ilaalchii fi fedhiin siyaasaa garagaraa jiraachuun mallattoo demokiraasii fayyaalessaatti akka fudhatan ibsaniiru.

Faayidaa biyyaalessaa fi sirni demokiraasii akka cimu akka hojjetanii fi kabaja lammiilee fi carraa biyya keenyaarratti waloomaan dhaabachuun sirna siyaasaa tasgabbaa’aa cimsuuf akka hojjetan kaasaniiru.

Guutummaan Waadaa Bishooftuu (Dikilaareeshinii) akkanatti dhihaateera-

Qooda paartileen siyaasaa nagaa buusuu fi cimsuurratti qabnurratti waadaa Bishooftuu(Dikilareeshiinii)

Adoolessa 17 bara 2017

Bishooftuu

Keewwata 1-Waadaa adeemsa siyaasaa nagaa fi qaroomee hordofuu

    1. Kaayyoo siyaasaa keenya karaa demokiraatawaa fi karaa seeraa fi sirnaan niraawwanna
    2. Boora’uu nageenyaaf, maqaa balleessii fi jibbiinsa akkasumas baduu lubbuu namaa fi qabeenyaaf sababa ta’uu dhiisuun nagaaf niqabsoofna.

Keewwata 2- Waadaa dhaabbilee demokiraasii fi duudhaaf kabaja kennuu

2.1.Seeraa fi sirna,murteessummaa sagalee ummataaf, adeemsii fi bu’aan filannoo akka kabajamu.

2.2 Murteerratti addaddummaan yoo jiraatellee seera kabajuun ejjennoo keenya tarkaanfachiisuu

 

Keewwata 3- Waadaa Hammattummaa, waliigaltee biyyaa fi faayidaa biyyaalessaaf waliin dhaabachuu

3.1. Garaagarummaa keenyaaf kabajaa fixiyyeeffannoo addaa kennuun ijaarsa yaadama sabdaneessummaaf hojjechuuf waliigalleerra.

3.2. Hitrmaannaan dargaggootaa, dubartootaa fi qaama miidhamtootaaakka guddatu xiyyeeffannoon nihojjenna

3.3. Aadaa siyaasaa faayidaa biyyaalessaaf waliin dhaabachuu ni’ijaarra.

Keewwata 4- Waadaa bulchiinsa gaarii demokiraatawaan akka bu’uuf hojjechuu

4.1.Sirna siyaasaa ajandaa, imaammata, dandeettiirratti hundaa’e ijaaruuf nihojjenna

4.2. Ilaalchii fi fedhiin siyaasaa garagaraa jiraachuu akka mallattoo demokiraasii fayyaalessaatti nifudhanna.

Waadaa 5-Wadaa hooggansa walitti bu’iinsaa fi ijaarsi nageenyaa bu’a qabeessa akka ta’u hojjechuu

 

5.1. Dhimmoota paartilee keenyaa fi paartilee biroo keessatti walitti bu’iinsaaf sababa ta’an irratti sirna furmaataa ni’ijaarra

5.2. Marii nageenyaa hawaasaan, akkaadaamiyaa, waltajjiiwwan garagaraa fi hooggantoota siyaasaa waliin gaggeeffaman irratti tumsitoota ta’uun nihirmaanna

Keewwata 6- Waadaa iftooma fi ittigaafatamummaa gabbifachuu

 6.1. Iftoominni, walabummaan yaadaa fi wal amantaan mootummaa akkasumas paartii keenya keessatti akka gabbatu nihojjenna.

6.2. Hojiin hirmaannaa ummataa daangessuu fi adeemsa siyaasaa dhaabbattummaa miidhu  irratti waliin niqabsoofna.

Keewwata 7- Waadaa faayidaa biyyaalessaa fi cimina sirna demokiraasii

7.1. Nageenya, rakkoolee bakkee, filannoo biyyaalessaa fi misooma mootummaaf akka qaama tokkootti nihojjenna.

7.2. Kabaja lammiilee fi ummattoota Itiyoophiyaa fi carraa waloo biyya keenyaa irratti waliin dhaabannee sirna siyaasaa tasgabbaa’aa cimsuuf nihojjenna.

#Itiyoophiyaa

#TOI

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

u

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015