Yaa’iin Mana Maree Naannoo Benishaangul Gumuz  Booruu Jalqabee  niGaggeeffama

Adoolessa 18/2017 (TOI)-Manni Maree Naannoo Benishaan gul Gumuz  Yaa’ii Idilee  3ffaa bara hojii 2ffaa  marsaa 6ffaa booruu eegalee akka gaggeessu Afayaa’iin  Mana Marichaa Askaalech Albooroo beeksisaniiru.

Yaa’ichi gabaasa raawwii  hojii  dhaabbilee raawwachiiftotaa bara baajataa 2017, gabaasa mana marichaa fi gabaasa mana murtii waliigalaa irratti akka marii’atu  Afayaa’iin kun ibsaniiru. 

Yaa’ichi guyyaa lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u, gabaasa raawwii waajjira  odiitii  fi labsiiwwan adda addaa niraggaasisa jedhamee eegama.

Miseensonni mana maree  guyyaa har’aa magaalaa Asoosaatti biqiltuiu dhaabuun  ashaaraa magariisaa isaanii kaa’uun hojiilee misoomaa adda addaa akka daawwatan eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015