Haaromsa magariisaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Haaromsa magariisaa Itiyoophiyaa

Ongee fi Manca’insi bosonaa Rakkoolee Itiyoophiyaa keessatti barootaaf dubbatamaa turanidha.
Itiyoophiyaan seenaa kana jijjiiruuf kutannoon erga kaatee bubbulteetti.
Ashaaraan Magariisaa Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti eegumsa naannoo fi ijaarsa dandeettii jijjiirama haala qilleensaa rakkoof hinsaaxilamne irratti adda dureen akka eeramtu motora jijjiiramaa isa ijoo ta’eera.
Inisheetiiviin ashaaraa magariisaa bara 2011 ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin jalqabame lubbuqabeeyyii bakka duraanitti deebisuuf, gammoojjummaa ittisuuf, baay’ina bosonaa dabaluu akkasumas tattaaffii jijjiirama haala qilleensaa addunyaarratti ittisuuf taasifamuuf gumaacha taasisuu danda’eera.
Inisheetiiviin ashaaraa magariisaa galmoota misoomaa egeree dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi waliigaltee jijjiirama haala qilleensaa Paaris waliin walsimuun dinagdee fulla’aa fi jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf kan akeekamedha.
Inisheetiivichi dhiibbaa daangaa cehus kan qabudha. Ashaaraan magariisaa bosona deebisanii misoomsuun muka bakka durt turetti deebisuun Kaarboondssyi’oksaayidii toonii miiliyoonatti lakkaa’amu kan qilleensatti gadhiifamu ukkaamse qabachuun kaarboondaaayi’oksaayidii sadarkaa idil addunyaatti qilleensa naannawaarraa dhabamsiisuu fi kuusuu keessatti qoodasaa bahaa jira.
Kaarboondaayi’oksaayidii ukkaamsee qabachuu fi kuusuun hojii jijjiirama qilleensaa qolachuuf hojjetamu keessatti iddoon guddaan kan kennamuufidha.
Sagantaan ashaaraa magariisaa daangaa cehu Gaanfa Afriikaatti dhiqama biyyoo dhaabuu fi baay’ina bosonaa dabaluun gammoojjummaa qolachuu akkasumas eegumsa biyyoo fi bishaaniirratti qooda mataasaa baheera.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuurratti qoonni bahaa jiru mariiwwan jijjiirama qilleensaa idil addunyaarratti beekamtii argateera.
Bifa hedduu kan qabu ashaaraan magariisaa faayinaansii jijjiirama haala qilleensaatiin filmaata haaraa fidee akka dhufe ni’eerama.
Jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi hojii eegumsa naannoof deeggarsa alaarratti osoo hin hirkatiin dandeettii biyya keessaatiin moodala qabeenya walitti qabuu uumuu danda’eera. Mootummaa fi dameen dhuunfaa inisheetiivii kanaaf maallaqa buusaniiru.
Faayinaansiin mandhalee, humni hawaasaa fi deeggarsoonni akaakuu walitti ida’amanii bajata xiqqaan ittisni jijjiirama haala qilleensaa kalaqaan deeggarame hojjechuun akka danda’amu agarsiiseera.
Itiyoophiyaan hojiiwwan eegumsa naannoof fandii jijjiirama qilleensaa magariisaa Itiyoophiyaa (GCF), baankii addunyaa, sagantaa jjjiiirama qilleensaa mootummoota gamtoomanii fi deeggartoota biroorraa deeggarsa maallaqaa fi teekiniikaa argatteetti.
Deeggarsi idil addunyaa argame hojiin eegumsa naannoo imaammattoota misoomaa Itiyoophiyaa waliin akka walitti hidhatu godheera.
Ashaaraan magariisaa galmoota jijjiirama haala qilleensaa misooma dinagdee, hojii uumuu, tuurizimii magariisaa waliin walitti hidhuun hubannaa hundagaleessa uumuu danda’eera.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bosonni biyyatti akka dabalu gumaacheera.
Bosonni biyyattii sagantichi jalqabamuun dura ture harka 17 tuqaa 2 yoo ta’u yeroo ammaa harka 23 tuqaa 6 qaqqabuusaa odeeffannoon ministeera qonnaa ni’agarsiisa.
Ashaaraan magariisaa bosona Itiyoophiyaa waggaa 20 dura harka afurii gadi ture deebi’ee akka bayyanatu qooda olaanaa bahera.
Bakkeewwan qullaatti hafan hatattamaan kunuunsuun fayyisuu fi oomisha akka kennu gochuun, lafa qullaatti hafe biqiltuun guutuun gumaacha guddaa qaba.
Ashaaraan magariisaa bosona dabaluu qofa osoo hintaane lubbu qabeeyyiin bosonootaa akka deebi’anii fi ijaarsa dandeettii jijjiirama qilleensaa irrattis qoodasaa baheera.
Qonna bosona walmakaan sooranni muduraa fi nyaata loonii baay’inaan oomishuun wabii nyaataa keessatti mirkaneessuu keessatti qooda mataasaa bahaa jira.
Ashaaraan magariisaa duula biqiltuu dhaabuun olidha. Inisheetiivii Jijjiirama qilleensaa ittisuu, misooma egeree mirkaneessuu fi tumsa idil addunyaa uumuuf akeeka guddaa qabudha.
Biyyoonni guddachaa jiran galmoonni haala qilleensaa akka milkaa’an kutannoo siyaasaa, hirmaannaa hawaasaa, furmaata kalaqaa fi hojiilee hundagaleessaan gumaacha gochuu akka danda’an kan agarsiisu inisheetiivii fakkeenya qabudha.
Yeroo addunyaan yaaddoo haala qilleensaa keessa jirtu kanatti muuxannoon ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa abdii kan ta’ee fi tiraanisfoormeeshiniin magariisaa barbaachisaa qofa osoo hintaane milkaa’uu akka danda’u qabatanmaan agarsiiseera.
Yeroo ammaa Itiyoophiyaan uumamarratti hojjechaa egeree dhaloota dhufuu eegaa jirti. Gochi kun biyyarraa darbee daangaa ceheera.
Yaa’iin sirna soorataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii lammaffaan Adoolessa 20 amma 22 bara 2017tti Finfinneetti nigaggeeffama.
Itiyoophiyaan jijjiirama hala qilleensaa ittisuuf, bosona dabaluu fi walabummaa nyaataa mirkaneesuuf hojii karaa ashaaraa magariisaa hojjechaa jirtu muuxannoo niqooddi.