Lolaa tasaa rooba gannaa cimaa darbee darbee jiraatuun uumamuu danda’urraa ofeeggachuun nibarbaachisa-Inistiitiyuutii Mitiriyooloojii Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Lolaa tasaa rooba gannaa cimaa darbee darbee jiraatuun uumamuu danda’urraa ofeeggachuun nibarbaachisa-Inistiitiyuutii Mitiriyooloojii Itiyoophiyaa

Lolaa tasaa rooba gannaa cimaa darbee darbee jiraatuun uumamuu danda’urraa ofeeggachuun nibarbaachisa-Inistiitiyuutii Mitiriyooloojii Itiyoophiyaa
Adoolessa 15/2017(TOI)-Roobni cimaan guyyoota kurnan dhufa roobuu danda’u sululoota lolaan miidhamuu danda’anirratti lolaa tasaa uumuu waan danda’uuf hawaasni akka ofeeggatu inistiitiyuutiin Mitiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise.
Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen akka beeksisetti, guyyoota kudhan dhufan kibba lixaa, Lixa, Kaaba lixaa fi naannawoota jiddugaleessa biyyattiitti bakkeewwan hedduun bokkaan jiddugaleessaa amma olaanaatti nirooba.
Dabalataanis naannawoota biyyattii Kaaba bahaa, bahaa fi kibbaatti roobni xiqqaarraa amma jiddugaleessaa akka argatan odeeffannoowwan akka agarsiisan ibseera.
Yaaddoo hir’isuu fi carraalee gaarii uumamanitti fayyadamuuf yaada Mitiriyooloojii qonnaa hojiirra oolchuun akka barbaachisu mul’iseera.
Bokkaa cimaa irra deddeebi’ee roobuun walqabatee keessumaa sululoota lolaaf saaxilamanirratti lolaa tasaa uumuu akka danda’u himaniiru.
Hawaasni qargara lagaa fi bakka ciidhaa jiraatu ofeeggannoo akka taasisanii fi qaamoleen dhimmichi ilaalu balaa hir’isuun carraa gaarii akka fayyadaman hubachiiseera.
Bo’oo lolaa qopheessuun, miilaanis ta’e konkolaataan laga qaxxaamuruurraa ofqusachuu, bo’oo lolaan keessa darbu qulqulleessuu, bishaan bokkaa kuusuun akka barbaachisu himeera.