Tamsaasa Kallatti:

Bara 2018 bu’aa caalu galmeessisuuf nihojjenna-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Adoolessa14/2017(TPI)- ‎Bara bajataa 2018 bu’aa caalu galmeessisuuf xiyyeeffannoon kan itti hojjennudha jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhaabbilee bara 2017 bu’a qabeessa ta’aniif beekamtii fi badhaasa gumaachaniiru.

Dhaabbileen, kutaaleen magaalaa fi aanaaleen raawwii caalu galmeessisan konkolaataa fi waraqaan ragaa kennameeraaf.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana akka ibsanitti, bara 2017 bulchiinsi magaalichaa raawwii olaanaa galmeessisuun bu’a qabeessa ta’eera.

Bu’aan argame ciminaan hojjechuu ta’uu kantiibaa Adaanech eeranii, kanniin bu’a qabeessa ta’aniin baga gammaddan jechuun hojii caaluuf akka socho’an hubachiisaniiru.

Misoomni magaalaa akka si’atuu fi fayyadamni hundagaleessa jiraattotaa akka mirkanaa’u ciminaan hojjechuusaanii dhaabbileen beeksisaniiru.

Sagantaan beekamtii kun kanneen qabxii olaanaa fidan caalaatti kan onnachiisan kanneen biroo ammoo xiiqiidhaan kan kakaasu ta’uu kaasaniiru.

Bara bajataa 2018 caalaatti bu’a qabeessa ta’uuf kan itti hojjennudha kan jedhan kantiibaa Adaanech, beekamtichi hojii itti aanuuf gala ta’uu beeksisaniiru.

Daabbileen, kutaaleen magaalaa fi aanaaleen badhaafnii fi beekamtiin kennameef gamasaaniin, beekamtii fi badhaafni kennameef fuuldura cimanii akka hojjetan akka isaan kakaasu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015