Labsichi yaada kalaqa lammiilee bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf kan dandeessisudha-Ministira Dr. Ballaxaa Mollaa

Adoolessa 12/2017(TOI)-Labsiin Istaart aappii yaada kalaqa lammiilee bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf kan dandeessisudha jedhan Ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa.

Manni maree bakka bu’oota umataa walgahii ariifachiisaa 2ffaa Kamisa darbe taa’een labsii Istaart Aappii mirkaneessuunsaa nibeekama.

Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa የlabsichi mirkanaa’uusaa ilaalchisuun TOI’f ibsa kennaniiru.

Ibsa taasisaniinis Itiyoophiyaan ijaarsa dinagdee damdaneessaa baasuun hojjechaa jiraachuu kaasanii, kanaanis milkaa’inoonni galma’uusaa dubbataniiru.

Yaadonni kalaqaa akka dameelee biroo ijaararsa dinagdee biyyaaf bu’ura akka ta’an gochuuf labsiin qophaa’uusaa ministirichi ibsaniiru.

Labsichi dirree Istaart aappii uumuun ijaarsa dinagdee dijitaalaaf bu’ura akka ta’u gochuuf akka ta’e dubbataniiru.

Gama biraatiin dargaggoonni Itiyoophiyaa dandeettii dilbii qaban caalaatti baasanii guddina biyyaaf akka oolchan barbaachisaa waan ta’eef labsichi qophaa’uusaa ibsaniiru.

Labsiin mirkanaa’e dirree Istaart aappii gabbisuuf haala mijataa akka uumu ministirichi dubbataniiru.

Qormaata damee Kanaan jiran furuun dargaggoonni yaada qaban carraalee uumamanitti akka fayyadaman akka dandeessisu ibsaniiru.

Lammiileen yaada qaban bu’aa qabatamaatti akka jijjiiran haala mijataa kan uumu ta’uu ministirichi ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dirree Istaart aappii idil addunyaatti akka dorgomtu kan dandeessisu ta’uu dubbatanii, labsichi kaampaaniiwwan teeknooloojii guddaa uumuuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

Gumaachi labsichi biyyaaf gumaachu olaanaa waan ta’eef bu’a qabeessummaasaaf xiyyeeffannoonakka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015