Sagantaa ashaaraa magarisaa baranaatiin amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 2 tuqaa 5 dhaabameera-Dr. Girmaa Amantee - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa ashaaraa magarisaa baranaatiin amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 2 tuqaa 5 dhaabameera-Dr. Girmaa Amantee

Adoolessa 05/2017(TOI)- Sagantaa ashaaraa magarisaa baranaatiin amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 2 tuqaa 5 dhaabamuu ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee ibsan.
Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mata duree ‘dhaabuun bayyanachuu” jedhuun Waxabajjii 20/2017 ifatti jalqabsiisuunsaanii nibeekama.
Hooggansii fi hojjettoonni ministira qonnaas magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.
Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee wayita kana milkaa’inni ashaaraa magariisaa bayyanachuu Itiyoophiyaa fi imala guddoomasheef agarsiiftuu tokko ta’uu dubbataniiru.
Bara kana sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf dhaabuuf bakka hundatti hojjetamaa jira.
Sagantaa biqiltuu dhaabuu amma ammaatti raawwatameen biqiltuun biiliyoona 2 tuqaa 5 dhaabamuu ibsaniiru.
Itti aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara qonnaa magaalaa Shaggar Girmaa Hayiluu gamasaaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa magaalaa Shaggar Miidhagsuu fi hojiilee eegumsa naannoon raawwatamaa jiran kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.