Itiyoophiyaan qajeeltoo faayidaa biyyaalessaa fi ofdanda’uun dhaabachuu jiddugaleessa godhachuun yaa’icharratti ejjennooshee sirriitti ibsiteetti-Dr Laggasaa Tulluu - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan qajeeltoo faayidaa biyyaalessaa fi ofdanda’uun dhaabachuu jiddugaleessa godhachuun yaa’icharratti ejjennooshee sirriitti ibsiteetti-Dr Laggasaa Tulluu

Waxabajjii 30/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qajeeltoo faayidaa biyyaalessaa fi ofdanda’uun dhaabachuu jiddugaleessa godhachuun yaa’ii hooggantoota BRICS 17ffaa irratti ejjennooshee sirriitti ibsachuushee ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Dr Laggasaa Tulluu ibsan.
Yaa’iin hooggantoota BIRICS 17ffaan Biraazil Riyoo De Dejeneerootti gaggeeffameera.
Ministirri muummee DR. Abiyyi Ahimad fi jillisaanii yaa’icharratti hirmaataniiru.
Ministirichi yaa’icha ilaalchisuun ibsa kennaniin, ministirri muummee Dr. Abiyyi ahimad Riyoo De Dejeneeroo kan dhaqan yaa’icharratti hirmaachuu fi hooggantoota biyyootaa waliin mari’achuun hariiroo gamlamee cimsuuf kaayyeffachuun ta’uu ibsaniiru.
Ajandaawwan hooggantoonni mari’atan keessaa sirnii fi riifoormiin bulchiinsa addunyaa hammataa fi haqa qabeessi keessatti argama.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhimmicharratti faayidaa biyyoolessaa Iyiyoophiyaa fi qajeeltoo ofdanda’uun dhaabachuu bu’ura godhachuun addunyaan bakkeewwan hunda hammachuu akka qabuu fi sagaleen Afriikaa dhaabbilee addunyaa hunda keessatti walqixa dhageettii akka qabaatu kaasuusaanii ministirichi ibsaniiru.
Afriikaan dhageettii argachuun gamatti hirmaannaanshee guddachuu akka qabu cimsanii dubbachuusaanii dubbataniiru.
Ministirri muummee tumsa kibba kibbaaf cimsuu ilaalchisuun yaada kennaniin qaroomina bara dheeraa, aadaa fi seenaa garagaraa kan qabdu Itiyoophiyaan tumsa aadaa fi dinagdee biyyoota biroo waliin qabdu cimsuu fi muuxannoo qooddachuuf akka hojjettu dubbataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dinagdee fi faayinaansiin wal qabatees Itiyoophiyaan tumsa BRICS waliin qabduun fayyadamaa akka jirtu ibsaniiru.
Dhaabbanni faayinaansii akka misoomni Baankii BIRICS dhiheessii faayinaansii fi liqii haqa dhabeessa sadarkaa addunyaatti jiru filaata ta’uusaanii fi Itiyoophiyaan kanarraa akka fayyadamtu kaasaniiru.
Dijitaalaayizeeshinii fi hubannoo namtolchee ilaalchisuunis mariin taasifamee ture.
Ministirichi ibsa kennaniin ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad carraalee gaarii addunyaan dijitaalaa fidee dhufe caalaatti fayyadamuun fi yaaddoo xiqqeessuuf waliin dhaabachuun akka barbaachisu dubbachuusaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hubannoo namtolcheerratti hojii bal’aa hojjechaa akka jirtuu fi biyyoota BRICS waliin damee kanarratti tumsaan hojjechuu akka barbaaddu eeraniiru.
Inistirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad Jijjiirama haala qilleensaan waqabatee Itiyoophiyaan afaanirra darbee qabatamaan hojii addunyaaf fakkeenya ta’u hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.
Walumaa gala Itiyoophiyaan yaa’ii hooggantoota BIRICS irratti hirmaannaa milkaa’aa gochuushee Dr. Laggasaa Tulluun eeraniiru.