Mootummaan Naannichaa Hojii Gaaffiiwwan Misooma Hawaasaa Deebisan Irratti Xiyyeefatee Hojjechaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannichaa Hojii Gaaffiiwwan Misooma Hawaasaa Deebisan Irratti Xiyyeefatee Hojjechaa Jira

Waxabajjii 30/2017(TOI)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii gaaffiiwwan Misoomaaf deebii kennan irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu sadarkaa Iti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyaa Nannoo Oromiyaa Addisuu Araggaa ibsan.
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Pirojektoonni Faayidaa Hawaasummaa fi Dinagdee qaban 171 eebbifamanii tajaajilaaf ga’aniiru.
Pirojektota har’a eebbifaman keessaa wiirtuu Horsiisa Lukkuu fi Sa’a Aannanii, Hospitaalli Sadarkaa 1ffaa, Manneen Barnootaa, Ijaarsa Gamoo Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa, Gamoon Bulchiinsaa, wiirtuu kuusaa fi deebi’ee fayyadama balfa dhangala’aa fi gogaa , Waarshaa qindeessa nyaata horii fi Industirriiwwan keessatti argamu.
Sirna eebbaa kana irratti kan argaman sadarakaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeeessaan Kilaastera Misooma Baadiyaa Addisuu Araggaa bara Bayyanachuu keessa taanee pirojektoota gurguddoo waan danda’aman kan hin fakkaanne dhugoomaa jiru jedhaniiru.
Mootummaan Naannichaa Pirojektoota Ye
roon, Saffisaan, Qulqullinaan xumuree tajaajilaaf geessisaa jiraachuu eeruun, Mootummaan Naannichaa gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Pirojektoota Misoomaa Saffisaan Xumuruunii fi tajaajilaaf banaa gochuurra darbee kenna Tajaajilaa Ammayyeessuu cinaati hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bara baajatichaatti uummata Naannichaa, Abbootii Qabeenyaa fi qaamolee deeggartootaa adda addaa dabalatee humna mootummaa waliin qindeessuun hojiin misoomaa bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.
Bu’aawwan amma galmaa’aa jiran cimsuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa keessaa ba’uuf hirmaannaan taassifamu itti fufa jedhaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Haayiluu Jaldee gama isaaniin , fayadamummaa jiraattota Magaalichaa Mirkaneessuuf hojiiwwan misoomaa hedduun raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalichatti galma Misoomaa kaa’ame Milkeessuuf xiyyeefannoon hojjetamaa jira kan jedhan Kantiibichi, Magaalichatti hojiin wabii nyaataa Mirkaneessan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haaluma Walfakkaatuun Magaalichatti Kenna Tajaajilaa Dijiitaalaan Deeggaruun Waajjirooleen Hedduun tajaajila waraqaa irraa bilisa ta’e Kennaa Jiraachuu Ibsaniiru.
Kanaanis tajaajiloonni 122 gara Dijiitaalaatti akka galan gochuurra darbee Waajjirooleen damichaa 30 ol tajaajila wiirtuu tokkoo kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Pirijektoonni har’a eebbifaman hirmaannaa hawaasaan, tajaajila tola ooltummaanii fi tattaaffii Dhaabbilee Bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiraniin kan ijaaraman ta’uu kaasaniiru.