Itiyoophiyaan Afriikaatti carraa hojii misooma hammataa fi ga’umsa irratti hundaa’e raawwachuun qooda adda durummaa bahachaa jirti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Waxabajjii 30 /2017 (TOI)-Itiyoophiyaan Afriikaatti carraa hojii misooma hammataa fi ga’umsa irratti hundaa’e raawwachuun qooda adda durummaa bahachaa jiraachuu Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Carraa hojii galeessa badhaadhinaa fi yeroon gaafatu mirkaneessuun hojii waloo yeroon hinkennamneef ta’uu eeraniiru.

Itti aanaan ministira muummee kana kan jedhan dubbii baniinsa foramii carraa hojii uumuu Afriikaa sadaffaa irratti taasisaniini.

Ardii dargaggootaa kan taate Afriikaan guddachaa jirti kan jedhan itti aanaan ministira muummee, dargaggoonni dargaggoonni humna guddinashee fi abdiishee boruuti jedhaniiru.

Paan Afriikaaniizimii kan leelliftu Itiyoophiyaan qooda gaggeessummaa Ardii qabdu riijinii daldala bilisaa Afriikaa fi paan Afriikummaan carraa hojii uumuun dabaluuf ejjennoo cimaa qabattee hojiilee hedduu hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa bittaa fi gurgurtaa, dadammaqina Industirii, carraa hojii dabalataa kan uumu waan ta’eef Hojiirra oolmaasaaf Itiyoophiyaan hojjechaa jirti jedhaniiru.

Addunyaan jijjiirama haala qilleensaa, walitti bu’iinsaa, guddina teeknooloojii fi haalawwan jijjiiramoo akksii keessa jirti kan jedhan itti aanaan ministira muummee, Itiyoophiyaan riifoormii biyyaalessaa kana xiyyeeffannoo keessa galche taasisaa akka jirtu hubachiisaniiru.

Riifoormii dinagdee mandhalee fi ijaarsa humna namaa qabatamaa karoora misoomaa waggaa 10nii, carraa hojii uumuu fi ijaarsa dinagdee cimaarraa akka jirtu mirkaneesaniiru.

በSagantaa ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoona 40 caalu dhaabuun alatti magaalaa fi baadiyyaatti lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun ijaarsi dinagdee magariisaa si’achaa akka jiru kaasaniiru.

Bara kana hubannoon namtolchee fi kalaqni adeemsa hojii duraan ture jijjiiraa akka jiran kaasanii, haala Kanaan nuyi Afriikaanonni qophii yeroon gaafatu gochuu qabna jedhaniiru.

Haala Kanaan dargaggoonni Itiyoophiyaa beekumsaa fi ogummaa teeknooloojii akka qabaatan  tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaatiin hojii guddaa hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Afriikaan daandii fi riqicha qofa osoo hintaane bu’uraaleen misoomaa dijitaalaa akka ishee barbaachisu eeruun, kanaaf ammoo humni namaa ga’oomaan murteessaadha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan yaadama adda durummaa ogummaatiin humna namaa ga’oomaa horachaa akka jirtu himaniiru.

Foramiin carraa hojii uumuu Afriikaa yaadama Paan Afriikummaan misooma hammataa, carraa hojii fulla’aa fi mijataa uumuun Ardii fooyyofte ijaaruuf yeroo hojii waloomnee itti kaanudha jedhaniiru.

Itti aanaa ministira muummee RDFI Tamasgeen Xurunaa, dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muhaammad Alii Yeesuuf, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamil, ministirooni biyyoota Afriikaa, ogeeyyonni kalaqaa, hojii uumtonni, hayyoonni damichaa fi qooda fudhattoonni Foramicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015