Sirni Hojii Odeeffannoo Gabaa Itiyoophiyaa carraa hojii uumuuf qooda olaanaa bahaa jira-Minitira Mufarihaat Kaamil 

Waxabajjii 27/2017(TOI)-Sirni Hojii  Odeeffannoo Gabaa Itiyoophiyaa carraa hojii uumuuf qooda olaanaa bahaa jiraachuu Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan.

Bara baajataa 2017 Lammiilee  Miiliyoona 4 tuqaa 5 oliif  carran hojii akka uumame ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsa kaleessa Miseensota Mana Mareef kennaaniin, bobbii biyya alaa  fi hojiin fageenyaa eegalaman,  haala  ammayyaa’een raawwatamuunsaa kan jajjabeeffamu ta’uu  ibsuun isaanii ni yaadatama. 

Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufarihaat Kaamil  raawwii hojii  bara bajataa 2017 ilaalchisuun  ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin Riifoormii Dinagdee Mandhaalee Itiyoophiyaatti  hojiirra ooluun  carraa hedduu qabatee dhufuu dubbataniiru. 

Carraan hojii uumuu qophii irraa jalqabee  hojiin bal’aan  hojjetamaa jirachuu fi kallattii misoomaa waliin wal simsiisuun raawwatamaa jiraachuu ibsuun,  hojiirra oolmaa carraa hojii uumuu ogummaa irratti  bu’uureffate  raawwii damichaa keessatti qooda  olaana bahuu  dubbataniiru.

Raawwiin Damichaa Waggaa Waggaan giddugaleessaan Lammiilee Miiliyoona 3f carraa hojii uumaa akka dhufe yaadachiisaniiru.

   

Keessumaa bara baajataa 2017tti Lammiilee Miiliyoona4 oliif carraan hojii uumamuu isaa ibsuun, Lammiileen Walakkaa Miiliyoonaa olii carraa hojii bobbii biyya alaa  taassifamuufii  himaniiru.

 Kanaafis haala mijataa uumuuf Sirni Barnootaa Haaraan 180 ol bocamuu  isaanii  dubbataniiru.

Dameen dhuunfaa carraa  hojii  uumuu irratti qooda olaanaa bahaa jiraachuu fi  kufaatiin Interpiraayizootaa hir’achuu ibsaniiru. 

Carraawwan hojii waqtaawaa uumaman  gabaasa keessatti akka hin hammatamne  eeruun, sirni  Odeeffaannoon Gabaa Itiyoophiyaa carraa hojii uumuuf  qooda olaanaa bahuu  ibsaniiru.

Yeroo ammaa hojii barbaaddonni sirna kanatti akka galmaa’aniif Ministirittiin waamicha dhiheessaniiru.

Damichi Mul’istuuwwan Bu’aa Bayyanachuu Itiyoophiyaa  ta’an  kan itti galmaa’an ta’uu  hubachiisuun,  bakkeewwan carraa  hojii  haaraa  gara Awurooppaatti babal’isuuf  hojjetamaa jiraachuu  dubbataniiru.

Lammiileen karaa seera qabeessa ta’een bobbii biyya alaa akka taassisaniif jajjabeessuun   rakkoowwan isaan mudatu furuu danda’amuu  dubbataniiru.

Yeroo hafanittiis bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf  ciminaan akka hojjetamu ibsaniiru. 

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Miseensota Mana Mareef Raawii karoora Mootummaa bara bajataa 2017 yeroo dhiheessan  lammiilee Miiliyoona  4 tuqaa 5f carraa hojii uumuu danda’amuu  fi damichi guddinni guddaan  kan irraa  argame ta’uu  ibsuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015