Itiyoophiyaan foramii carraa hojii uumuu Afriikaa sadaffaanikeessummeessiti-Ministira Mufariyaat Kaamil - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan foramii carraa hojii uumuu Afriikaa sadaffaanikeessummeessiti-Ministira Mufariyaat Kaamil

Waxabajjii 27/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Waxabajjii 30 amma Adoolessa 2 bara 2017tti foramii carraa hojii uumuu Afriikaa sadaffaa akka keessummeessitu Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamil ibsan.
Dhimmoonni qonnaa ammayyessuun carraa hojii uumuu, hammattummaa dijitaal faayinaansii xiyyeeffannoo foramii carraa hojii uumuu Afriikaa sadaffaa ta’uu Ministirittiin ibsa kennaniin dubbataniiru.
Foramiin kun Afriikaan humna namaa dargaggoo qabdutti fayyadamuun misoomaa fi haaromfama Afriikaa saffisiisuun haala danda’amurratti akka mari’atu kaasaniiru.
Hojiin biyyoonni Afriikaa carraa hojii uumuuf qofa qofaatti hojjetan akka jirutti ta’ee carraalee jiranitti tumsaan fayyadamuun fi rakkoolee furuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Qaxanaa daldala bilisaa Afriikaa dabalatee haala mijataa biroo fayyadamuun gabaa fi carraa hojii tumsaan uumuuf akka mari’atamu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan qonna ammayyeessuu fi dameelee biroon carraa hojii uumuurratti hojii hojjette ilaalchisuun muuxannoo akka qooddu dubbataniiru.
Invastaroonni, ministiroonni, Intarpiraayizoonnii fi kanneen damee kanarratti hojjetan biroon yaa’ii kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u Itiyoophiyaan keessummoota simachuuf qophii xumuruu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan foramii kana komishinii gamtaa Afriikaa fi dhaabbata garee tireedii elektiroonikii Afriikaa (African Electronic Trade Group ) waliin ta’uun qopheessuushee ibsa Kanaan beeksiseera.