Godina Gujiitti lafa heektaara kuma 258 baatii Arfaasaa facaafamerraa oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 2 ni’abdatama

Waxabajjii 27/2017(TOI)- Godina Gujiitti lafa heektaara kuma 258 baatii Arfaasaa facaafamerraa oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 2 akka abdatamu waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Gareen hooggantoota olaanoo naannichaa pirezidaantii naannoo Oromiyaan Shimallis Abdiisaan durfamu hojiilee misoomaa godina Gujiitti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru.

Haala Kanaan Qamadii fi Boloqqeen godina Gujii aanaa Sabbaa Boruutti kilaastaraan misoome daawwatameera.

Hoogganaan waajjira qonnaa godina Gujii Dastaa Gabrayyas hooggantoota olaanoo naannichaaf ibsa kennaniin,baatii Arfaasaa kanatti lafti heektaara kuma 258 sanyiin akaakuu garagaraa facaafamuu ibsaniiru.

Isaanis Qamadii, Boloqqee, Boqqolloo fi kanneen biraa ta’uu eeranii, kanarraas oomishni kuntaala miiliyoona 4 tuqaa 2 akka abdatamu dubbataniiru.

Pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dbalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa, akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015