Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Balallii Torbanii gara Naayjeeriyaatti taassisu gara 31tti guddise  

Waxabajjii 27/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Balallii Imaltootaa Torbanii gara Naayjeeriyaatti taassisu gara 31tti guddisuu beeksise .

Naayjeeriyaan bakka gahumsaa Guddaa Daandii Qilleensichaa ta’uu  ibsaniiru.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa  waxabajjii 24 bara 2017 irraa eegaluun  balallii guyyaa guyyaa gara Naayjeeriyaa Magaalaa Leegoositti taassisu  gara lamaatti ol guddiseera.

Ministitti Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Miseensota Mana Mareetiif deebii fi ibsa kaleessa kennaniin  damee tajaajilaan guddinaa  fi bu’aa galmaa’an  keessaa  argarsiistuun tokko Daandii Qilleensaa ta’uu ibsaniiru. 

Daandiin Qilleensichaa bara baajataa qabametti xiyyaarota dabalataa 13 bituun baay’ina xiyyaarota walii galaa 180n ga’uu eeruun isaanii ni yaadatama.

Bakeewwan gahumsaa haaraa 6 dabaluun walii gala baay’ina  bakkeewwan gahumsaa  gara 136  guddisuu fi  bara Baajatichaatti Balaallii biyya keessaa fi biyya Alaan  Imaltoota Miiliyoona 19  ol    Geejibsiisuu isaa  fi  kunis jijjiiramaa dura  kan ture waliin yeroo Madaalamu dachaa ol dabaluu  dubbataniiru.

 Sagantaan balallii  dabalataa guyyaa guyyaa gara Magaala  Daldalaa Leegoositti taassisuuf qophaa’eera.

Hojii gaggeessaa Olaanaa Ministeera Aviyeeshinii fi Eeyroospeesii Naayjeeriyaa Dr.Ibraahim Kaanaa, bakka bu’oonni Abbaa Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Naayjeeriyaa, Dhaabbileen Daawwachiiftotaa, fi qooda fudhattoonni biroon Saganticha irratti argamaniiru. 

Daandii Qilleensa Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaa Olaanaan Damee Naayjeeriyaa Fireehiywoot Mokonnin TIO’f akka ibsanitti, daandiin Qilleensichaa Balallii Imalttootaa gara Magaalota Abuujaa, Leegoos, kaanoo fi Innuuguutti  torban guutuu  taassisaa jiraachuu  ibsaniiru.

Daandiin Qilleensichaa Magaalota Abujaa, Leegos fi Kaanoo torban guutuu akkasumas, Innuuguutti torbanitti  yeroo 3 akka balali’u dubbataniiru.  

Balallii guyyaa guyyaa Leegositti taassisu torbanitti gara 2 ol guddisuun lakkoofsa balallii Magaalittiitti  torbanitti taassisu  gara 14tti guddisuu ibsaniiru .  

Kunis Daandiin Qilleensichaa lakkoofsa Balaallii Imaltootaa gara Magaalota Naayjeeriyaatti taassisu    gara 31tti ol guddiseera jedhan hojii gaggeessichi.

Imaltoonni balallii gara leegositti  sa’aatii filatanitti  akka balali’an kan taassisu yoo ta’u , Naayjeeriyaan walitti hidhamiinsa geejibaa  ishee akka babal’iftu filannoo dabalataa kan uumu taa’uu ibsaniiru.  

Afriikaa keessaa Naayjeeriyaan bakka gahumsaa guddaa daandii qillensa Itiyoophiyaa ta’uu  kan ibsan hojii gaggeessituun kun, baay’ina Imaltootaan, lakkoofsa balalliin humna gabaa guddaa qabdi.

 Balallii Idilee Imaltootaan alattis Daandiin qiilleensaa  Itiyophiyaa torbanitti  balallii  kaargoo 30 ol akka taassisu eeraniiru.

Dameen Aviyeeshinii Itiyophiyaa fi Naayjeeriyaa  hariiroo yeroo dheeraa qabaachuu ibsuun, daandiin Qilleensichaa A.L.Atti Sadaasa 1960 balallii eegaluu fi  kunis Naayjeeriyaan Kolonii jalaa baatee baatii tokkoo booda ta’uun seenaa qabeessa kan taassisu ta’uu dubbataniiru.

Daandiin qilleensichaa Damee Aviyeeshinii Naayjeeriyaaf  deeggarsa adda addaa  taasisaa jiraachuu ibsaniiru. 

Daandiin qilleensichaa Biyyoota Afriikaa  bakkeewwan gahumsaa hedduutti babal’isuun  isaa guddina Aviyeeshinii  Ardiitiif qooda guddaa qaba. 

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Naayjeeriyaa irra gara  Finfinneetti kan dhufan dabaluu, lakkoofsa balallii guddisuu, bakkeewwan gahumsaa haaraatti balali’uu fi yeroo turtii Imaltootaa Guddisuun  galii Tuurizimii guddisuu irratti xiyyeeffannoon hojjetama jechuun ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa A.L.A. Sadaasa 2025 Balallii  Gara Naayjeeriyaatti Eegale Waggaa 65ffaa Isaa Kabaja.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Afriikaa keessaa bakkeewwan gahumsaa 65 ol qabu.

Itti Aanaan Pirezidaantii Federaalaa Naayjeeriyaa Kashiim Shetiimaa tibbana daawwanaa Itiyophiyaatti  taassisuun dhimmoota ijoo  biyyoota lamaanii fi Ardii Irratti Ministira Muummee Dr,Abiyyi  Ahimad Waliin  Marii’achuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015