Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun wabii nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun wabii nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2017(TOI)-Biyyi omishtee nyaachuu hin dandeenye Faayidaa Biyyoolessaa ishee Mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jechuun Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Qonna ilaachisuun gaaffiiwwan Miseensota Manamareeraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin Qonni Utubaa Dinagdee Itiyoophiya ta’uusaa fi bu’uura galii daldala Al-Ergee keenyaati jedhaniru.
Ministirri Muummee Qonni uummanni Itiyoophiyaa hedduun kallattii fi al-kallattiin kan keessatti hirmaatan waan ta’eef bakki guddaan akka kennamuuf godha jedhaniiru.
Qonni bara kana dhibbenta 6 tuqaa1 guddina akka fidu karoorfamuu ibsuun, Dameen Qonnaa Dameewwan biroo irra xiyyeeffannoo addaa kan argate, Itiyoophiyaan Birmadhumaa Soorataaa argachuu qabdi, biyyi omishtee nyaacuu hin dandeenye faayidaa biyyoolessa ishee mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun Birmadummaa Nyataa Mirkaneessuuf galma qabannee hojjenneera jedhaniiru.
Waggoottan muraasa darban Lammiileen Miiliyoona 27 seeftineetiin qabamamii turan , namoota kana seeftineetiirraa ceessisuuf hojjechaa turreerra jedhan.
Kanaanis, Itophiyaanota hedduu bara dheeraaf seeftineetiin bulaa turan gara ofiin of danda’uutti ce’aniiru jedhaniiru.
Ministirri Muummee itti dabaluun lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoona 23 gargaarsa seeftineetii irraa bilisa bahaniiru jechuun dubbataniiru.
Kunis agarsiistuu Bayyanachuu Itiyoophiyaa waan ta’eef itti boonuu qabna kan jedhan Ministirri Muummee, gargaaramtoota seeftineetii Miiliyeena 4 hafan bilisa baasuun Itiyoophiyaa guutummaa guutuuttii biyya wabii nyaataa ishee mirkaneessite gochuu qabna kanaafis Lafa Qotamu Bal’aa qabna jedhaniiru.