Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa nibaafti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa nibaafti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 26/2017(TOI)- Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii yeroo gabaabaa keessatti gabaa nibaafti jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Manni maree bakka bu’oota ummataa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee 42ffaa taa’aa jira.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaa jiru.
Ministirri muummee ibsa kennaniin sirnoota mootummaa Itiyoophiyaa darban keessa Gaazii baasuuf yaaliin taasifamaa akka ture yaadachiisaniiru.
Jijjiiramaan booda mootummaan Gaazii oomishuuf warshaalee dhaabuuf damee dhuunfaa waliin mallatteessuusaa ibsanii, kaampaaniiwwan haaraa fi dandeettii qaban damee kanarratti akka hojjetan taasifamuu yaadachiisaniiru.
Haala Kanaan Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha Gaazii gabaa akka baaftu ibsaniiru.
Adeemsi Gaazii oomishuu kun marsaan jalqabaa xumuramee dhiheenyatti akka eebbifamuu fi adeemsi oomishuu marsaan lammataa akka jalqabamu beeksisaniiru.
Haala walfakkaatuun baatii 40 booda warshaan Xaa’oo eebbifamee hojii akka jalqabu ministirri muummee beeksisaniiru.
Dameen qonnaa guutummaatti bu’a qabeessa kan ta’u warshaan Xaa’oo yoo jiraate ta’uu kan eeran ministirri muummee, sababa Xaa’ootiin oomishtummaan gadi bu’uu akka danda’u ibsaniiru.
Warshaa Xaa’oo dhaabuuf Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa keessatti Invastimantii hedduu kan qabudureessa Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee waliin mariin jalqabamuu eeraniiru.