Galmi kuusaa Anniisaa Ardii Afriikaa uumuuf qabame boqonnaa sirrii irra jira-Gamataa Afriikaa 

Waxabajjii 25/2017(TOI)-Mul’anni  Sirna  kuusaa Annisaa Ardii Afriikaa Boqonnaa Sirrii irratti akka argamu Gamtaan Afriikaa Beeksise.

Komishinii Gamtaa Afriikaatti Daarektarri Bu’uuraalee Misoomaa fi Anniisaa Kamuugisha  Kaazawura TOI’f akka ibsanitti, Qaama Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa kan ta’e  gabaan humna ibsaa baaqqee Ardii Afriikaa Misooma Anniisaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. 

Gabaa humna ibsaa qindaa’aa uumuun Aannisa ittifufinsa qabu, Amanamaa, Dorgomaa  fi  Annisaa Madaalawaa ta’e  Mana Jireenyaa, dhaabbilee daldalaa fi industiriiwwan , Afriikaaf  dhiheessuu akka dandeessisu ibsaniiru.

Gama Kanaan biyyoonni Afriikaa ollaasaanii waliiin hariiroo uumuuf pirojektoota raawwachaa jiran dinqisiifataniiru.

Walitti hidhamiinsi anniisaa Itiyoophiyaan Sudaan,Jibutii fi Keeniyaa waliin uumte  agarsiistuu Sirna Humnaa Ibsaa baaqqee Afriikaati jedhan.

Itiyoophiyaan qaama  Kuusaa Annisaa  Afriikaa Bahaa ta’uushee ibsuun , biyyoota kuusan walitti hidhuun qooda olaanaa bahaa jirti jedhaniiru.

 Keeniyaan sirna anniisaa qabdu Taanzaaniya waliin walitti hidhuun hojjechaa jiraachuu fi  kunis gara fuulduratti  kuusaa ibsaa Afriikaa Kibbaa irraa daldala ibsa raawwachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Itti fufuun kuusaa Annisaa Afriikaa Bahaa, Kuusaa Annisaa Afriikaa Kibbaa waliin waliin walitti hidhuuf karoorfamuu eeraniiru.

Akka ibsa Daarektarichaatti gabaan humna ibsaa baaqqee Ardii kanaa maddoota Annisaa hunda irratti Xiyyeeffate Bishaan,  Aduu, Qilleensaa fi  Annisaa Haaromfamuu danda’udha.

Filannoowwan Anniisaa  Qaama Sirna Mastar Pilaanii Afriikaa akka ta’ee eeruun,  Humna ibsaa Ardii baaqqee dhugoomsuuf  kan dandeessisu  utubaa murteessaa ta’uu  ibsaniiru.

Komishiniin gamtaa Afriikaa baankii misooma Afriikaa fi garee baankii addunyaa waliin ta’uun bara faranjootaa itti jirrutti inisheetiivii  “Mission 300” jedhamu kan ifoomsan yoo ta’u Inisheetiivichi  Afriikaanotaaf qaqqabummaa elektiriikii babal’isuuf kan kaayyeffamedha.

Inisheetiivichi A.L.A bara 2030tti lammiilee Afriikaa miiliyoona 300 elektiriikiin walitti hidhuuf karoorfateera jedhan daarektarichi.

Baankiin misooma Afriikaa, gamtaan Awurooppaa, mootummaan Jarmanii fi deeggartoonni misoomaa biroon inisheetiivichaaf deeggarsa gochaa akka jiran eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015