Caasaan Faayinaansii addunyaa jaarraa 21ffaa hunda jiddugaleessa godhachuu qaba-Mahaammud Alii Yuusuuf

Waxabajjii 25/2017 (TOI)- Caasaan Faayinaansii addunyaa jaarraa 21ffaa hundaaf kan hojjetu ta’uu akka qabu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf ibsan.

Konfaransiin faayinaansii misooma egeree addunyaa afraffaan Ispeen Siiviyaatti taa’amaa jira.

Mariin mata duree “dandeettiiwwan daldalaa fi faayinaansii damee dhuunfaa fayyadamuu” jedhuun qophaa’e konfaransicha cinaatti qophaa’eera.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf dandeettii dinagdee Afriikaa guutummaan fayyadamuuf sirna faayinaansii addunyaarratti fooyyessa hatattamaa taasisuu akka barbaachisu himaniiru.

Hojiin daldalaa fi faayinaansii damee dhuunfaa kan walitti hirkatu qofa osoo hintaane guddina hundagaleessaaf, carraa hojii uumuu fi cehumsa magariisaaf qooda ijoo akka qaban ibsaniiru.

Gama biraan qaxanaan daldala bilisaa Afriikaa afriikaaf jijjiirama guddaa kan uumedha kan jedhan dura taa’aan kun, deeggarsi intarpiraayizoota xiqqaa, jiddugaleessaa fi olaanaaf taasifamu dabaluu, faayinaansii fulla’aa jajjabeessuu fi humna invastimantii kallattii alaa hawachuuf dandeessisu guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Afriikaan Ardii dargaggoota hedduu qabdu, qabeenya uumamaan badhaatee fi jijjiiramaa jirtudha jedhan.

Dandeettii kaappitaalaa ajandaalee misoomaa dursi kennamuuf waliin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu kan dubbatan dura taa’aan kun, kanaaf ammoo sirna faayinaansii ammayyaa jaarraa 21ffaa madaaluu fi hundaaf hojjetu ijaaruun akka barbaachisu ibsuusaanii gamtaan Afriikaa odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015