Biyyoonni Afriikaa hojmaata filmaata Faayinaansii filannoo osoo hinta’iin dhimma jiraachuu gochuun ilaaluu qabu-Barreessaa olaanaa ‘ECA’ Kilaaver Gateetee - ENA Afaan Oromoo
Biyyoonni Afriikaa hojmaata filmaata Faayinaansii filannoo osoo hinta’iin dhimma jiraachuu gochuun ilaaluu qabu-Barreessaa olaanaa ‘ECA’ Kilaaver Gateetee

Waxabajjii 25/2017 (TOI)-Biyyoonni Afriikaa hojmaata filmaata Faayinaansii filannoo osoo hinta’iin dhimma jiraachuu gochuun ilaaluu qabu-Barreessaa olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa mootummoota gamtoomanii (UN-ECA) Kilaaver Gateetee dubbatan.
Konfaransiin faayinaansii misooma egeree idil addunyaa afraffaan Ispeen Siiviyaatti taa’amaa jiru guyyaa afur guuteera.
Komishinoonni riijinii dhaabbata mootummoota gamtoomanii shan konfaransichaan cinaatti walgahiin filmaatota qormaataa fi furmaatilee faayinaansii misoomaa addunyaa ilaalchisuun waliin qopheessan gaggeeffameera.
Barreessaan olaanaa komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateeteeflmaattonni furmaataa faayinaansii haaraan misooma egeree Afriikaatti hojeeffamaa akka jiranibsanii sirni faayinaansii addunyaas jijjiiramoota Kanaan walsimuu akka qabu dubbataniiru.
Hojmaattonni faayinaansii fedhiiwwam Afriikaan misoomuuf qabdu kan calaqqisiisan ta’uu qabu jedhaniiru.
Hammattoowwan fimaata faayinaansii filannoo osoo hintaane dhimma jiraachuuti jedhaniiru barreessaan olaanaa kun.
Afriikaan dandeettii invastimantii fi fedhiiwwan misoomaa qabaattus sababa sirna faayinaansii addunyaatiin dhiheessii faayinaansii haqa qabeessaa akka hin arganne daangeffamaa akka jirtu dubbataniiru.
Taatee kana dhaabbileen komishiniin dinagdee Afriikaa, komishinii dinagdee Awurooppaa, komishinii dinagdee Laatiin Ameerikaa fi kaariibiyaan, komishinii dinagdee Isiyaa fi Paasifiikii akkasumas komishinii dinagdee fi hawaasummaa Isiyaa lixaatu qopheesse.
Konfaransiin faayinaansii misooma egeree idil addunyaa afraffaan amma Waxabajjii 26 bara 2017tti nitura.