Qulqullina bunaa caalaatti eeguuf jiddugaleessa dhamdhamaa dabalataa banuuf qophiin taasifamaa jira

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Qulqullina bunaa al-ergii caalaatti eeguuf jiddugaleessa dhamdhamaa dabalataa afur banuuf qophiin taasifamaa jiraachuu abbaan taayitaa bunaa fi shaayee Itiyoophiyaa ibse.

Abbaan taayitichaa qooda fudhattoota nageenya federaalaa fi naannoo, qonnaa fi damee daldalaarraa walitti dhufan waliin daldala bunaa seeraan alaa ittisuun hala danda’amurratti magaalaa Adaamaatti mari’ateera.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa TOI’f addatti akka ibsanitti, bara bajataa xumuramaa jiru kanatti bunni toonii miiliyoona 1 tuqaa2 caalu argameera.

Oomishni bunaa baay’inaanis qulqullinaanis guddachuusaa dubbataniiru.

Sharafni buna baattii 11tti gabaa alaaf  ergamerraa argame kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu caalmaa akka qabu himaniiru.

Milkaa’ina argame caalaatti cimsuun itti fufsiiuuf daldala bunaa seeraan alaa ittisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhaniiru.

Waltajjiin marii magaalaa Adaamaatti qophaa’e daldala buna alergii bara dhufuu mikeessuuf daldala bunaa seeraan alaa wal hubachuun hojjechuun akka danda’amu gochuuf kan akeekamedha.

Hojii hordoffii fi to’annoon gamatti qulqullina bunaa eegsisuu fi oomishtummaasaa guddisuuf paakeejii bifa haaraan keessa deebi’uun hojiitti galamuu eeraniiru.

Abbaan taayitichaa birrii miiliyoona 200 caalu ramaduun galtee oomisha bunaa guddisu dhiheessuun alatti qulqullina bunaa buna alergii eegsisuuf jiddugaloonni dhamdhama bunaa 9 banamuusaanii eeranii, dabalataanis giddugala dhamdhama bunaa afur banuuf qophiin jiraachuu ibsaniiru.

De’eetaan ministiraa daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Yasmiin Wahabrabii gamasaaniin, oomishaalee bara bajataa xumuramaa jirutti biyya alaatti ergamanii galiin irraa argame keessaa bunni qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Karoora bara bajataa dhufuu milkeessuuf daldalaa bunaa seeraan alaa fi buna seeraan ala deddeebisuu itisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qabna jedhaniiru.

Qulqullina bunaa eegsisuuf Oyiruurraa eegalee jiddugaleessa dhamdhamaatii amma aleriitti hordoffii fi to’annoon barbaachisu nitaasifama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015