Naannichatti pirojektoota gaaffii ummataa deebisan ijaaruun tajaajilaaf oolchuun itti fufa-obbo Awwaluu Abdii

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Naannichatti pirojektoota gaaffii ummataa deebisan ijaaruun tajaajilaaf oolchuun cimee akka itti fufu itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdiiibsan.

Itti aanaan pirezidaandichi pirojektoota garagaraa magaalaa Ambootti ijaarsisaanii xumurame 25 eebbisanii tanaajilaaf bananiiru.

Saganticharratti dubbii dubbataniin naannichatti pirojektoota gaaffii misoomaa ummataa deebisan ijaaruun tajaajilaaf oolchuun cimee ittifufa jedhaniiru.

Pirojektoonni magaalaa Ambootti ijaaramanis agarsiiftuu ta’uu eeranii, pirojektoota ummata fayyadan kan namarratti xiyyeeffatan qulqullinaa fi saffisaan ijaaruun xiyyeeffatameetu hojjetama jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Amboo Haacaaluu Gammachuu, gaaffii bu’ura misoomaa jiraataa magaalaa kan bara dheeraa deebisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan pirojektoonni faayidaa olaanaa qaban 25 eebbifamanii tajaajilaaf banamuusaanii dubbataniru.

Baasiin pirojektoota kanaa mootuummaa, hirmaannaa ummataa fi dhaabbilee deeggartootarraa akka ta’e eeranii, hojiin akkasii cimanii ittifufu jedhaniiru.

Pirojektoota har’a eebbifaman keessaa bakka loon itti gabbifaman, bakka horsiisa saawwan aannanii fi bakka nyaanni loonii itti qophaa’u, manni barumsaa fi kanneen biroos keessatti argamu.

Pirojektiin kun eebbifamuunsaa walumaa gala jiraataa magaalichaa fi naannawichaaf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015