Bu’aan maaddii guutuun argamu dabalaa jira-ministeera qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Bu’aan maaddii guutuun argamu dabalaa jira-ministeera qonnaa

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Hojiilee sagantaa maaddii guutuun hojjetamaa jiraniin bu’aan wagga waggaan argamu dabalaa akka jiru ministeerri qonnaa beeksise.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Onkoloolessa 24 bara 2015 mgaalaa Arbaa Mincitti sagantaa maaddii Guutuu eegalchiisuunsaanii niyaadatama.
Sagantaan maaddii guutuu erga eegalamee waggaa sadii kan guute yoo ta’u sagantaa Kanaan waanti hedduun hojjetamaniiru.
De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti maaddiin guutuu waggaa sadii dura Itiyoophiyaatti eegalame bu’aa guddaa buusaa jira.
Sagantichi erga eegalamee asitti oomishni aannanii, foonii lukkuu, dammaa fi qurxummii dabalaa dhufuu eeraniiru.
Xiyyeeffannoo Mootummaan kenneen gamatti fedhiin ummataa olaanaan, hirmaannaan dureeyyii, guddachaa dhufuu bu’aan waggaa waggaan damee kanarraa argamu akka guddatu sababa ta’eera.
Bara bajatichaa baatii 11tti qofa bu’aan oomishoota aannanii, buuphaa beelladaa fi bu’aalee beelladaa irraa argame kan waggaa darbee yeroo walfakkaataan walbira yoo ilaalamu caalmaa olaanaa akka agarsiise kaasaniiru.
Bara bajatichaa baatii 1tti beellada miiliyoona 3 tuqaa 8 diqaalomsuun, aannan liitiroo miiliyoona 11 tuqaa 4, buuphaa miiliyoona 7 tuqaa 4 oomishuun akka danda’ame dubbataniiru.
Hawaasni sagantaa maaddii guutuun bishaanii fi haroo malees naannawasaatti, boroosaatti, bakka xiqqaatti qurxummii akka oomishu haala mijataa uumuusaa dubbataniiru.
Jiddugala cuuciin qurxummii itti yaatu Bahaar Daar, Baatuu, Arbaa Minci, Hawaasaa fi Sabbatatti argaman akka ciman taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Hojii Waggoottan sadan darban hojjetameen dhiheessiin qurxummii guddachaa kan jiru yoo ta’u baatii 11 dare qofaa qurxummiin toonii kuma 253, foon lukkuu toonii kuma 190 akkasumas dammmi toonii kuma 296 argamuu dubbataniiru.