Industiriiwwan oomishaa babal’isuun carraa hojii uumuu fi dinagdee guddisuun ittifufa - ENA Afaan Oromoo
Industiriiwwan oomishaa babal’isuun carraa hojii uumuu fi dinagdee guddisuun ittifufa

Waxabajjii 24/2017(TOI)- Industiriiwwan oomishaa babal’isuun carraa hojii uumuu fi dinagdee guddisuun cimee akka itti fufu ibsame.
Buufanni konkolaataa fi daandii dabalatee pirojektoonni misoomaa garagaraa magaalaa Jimmaatti hojjetamanii xumuraman eebbifamanii tajaajilaaf banamaniiru.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee ijaarsaa waajjira damee Oromiyaa obbo Namarraa Bulii sheedota magaalichatti ijaaraman eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.
Obbo Nmarraan wayita kana akka jedhanitti, industiriiwwan oomishaa babal’isuun carraa hojii uumuu fi dinagdee guddisuun cimee ittifufa.
Sheedonnii fi bu’uraaleen misoomaa garagaraa dargaggootaaf carraa hojii uuman ijaaramanii yeroo gabaabaatti tajaajila hawaasaaf banamuunsaanii kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Hooggantuun biiroo daandii fi loojistiksii naannoo Oromiyaa Injiinar Helen Taammiruu gamasaaniin, bu’urri misoomaa geejjibaa utubaa dinagdee waan ta’eef buufanni konkolaataa Jimmaa xumuramuunsaa rakkoo guddaa fura jedhaniiru.
Buufata konkolaataa dabalatee daandiin keessoo xumuramanii tajaajilaaf gahuusaaniif qooda fudhattoota galateeffataniiru.
Kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa 45 caalan magaalaa jimmaa keessatti ijaaramanii Tajaajilaaf banamuu dubbataniiru.
Kanneen keessaa dargaggootaaf carraa hojii kan uuman sheedonni akka keessatti argamaniifi namoota hedduuf carraa hojii uumuusaanii ibsaniiru.
Bu’uraaleen misoomaa jireenya hawaasaa fooyyessan ijaaramuusaanii kaasanii buufanni konkolaataa magaalichaa muummeen, daandiiwwan keessoo, riqaawwanii fi gamoowwan fakkeenya godhataniiru.
Qaamoleen naannoo, godinaa fi bulchiinsa magaalaa, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa sirna eebbaarratti argamaniiru.