Barattoonnii Eebbifamtooonni Fedhii fi faayidaa biyyaalesaa Itiyoophiyaa bu’uura godhachuun Amanamummaan tajaajiluun isin irraa eegama-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Waxabajjii 21/2017(TOI)-Barattoonnii Eebbifamtooonni Fedhii fi faayidaa biyyaalesaa Itiyoophiyaa bu’uura godhachuun Amanamummaan tajaajiluun isin irraa eegama jechuun ibsanPirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen.

Yuunversiitiin Finfinnee  barattoota damee barnootaa adda addaan barsiisaa ture kuma 6 fi 849 eebbisiisera.   

Saganticha irratti kan argaman Pirezidant Taayyee Atsqasillaaseen ergaa dabarsaniin, Yuunvarsiitiin Finfinnee Madda Hayyoota hedduuti jedhaniiru. 

Yuunvarsiitichi bakka  Barnoota Olaanaa qofa osoo hin taane Kuusaa, aartii, seenaa fi Hambaa akka ta’es kaasaniiru.

Barattoota biyya keessaa qofa osoo hin taane lammiilee Idil Addunyaa hawwachuun   gidduugala beekumsaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuunvasiitichi Yeroo ammaa hojii baruu barsiisuu cimsuun dorgomaa fi filatamaa gochuuf hojiin raawwachaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   

Eebbifamtoonni qabeenya Barnootaa cimaan qaramtanii dadhabbii fi dhamaatii waggoota barnootaan dabarsitanii hojiirra oolchuuf qophaa’uu qabdu jedhaniiru.

Turtii yeroo hojii keessaniin haala Addunyaa jijjiiramtuu Hubachuun Fedhii fi faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa bu’uura godhachuun biyya keessan Amanamummaan tajaajiluu qabdu jedhaniiru.    

Eeggataan Pirezidaantii  Yuunvarsiitii Finfinnee  Dr. Saamu’eel Kifilee gama isaaniin, Eebbi Barattoota baranaa Yuunvarsiitichi Ofiin ofbulchuu erga eegalee booda sirna eebbaa  kan jalaqabaa ta’uun adda isa taassisa jedhaniiru.

Adeemsa kana keessatti Yuunvarsiitichi hoj-maata fooyyesuun  hojii baruu barsiisuu jabeessuuf Riifoormii gaggeesseen bu’aan abdachiisaan galmaa’u dubbataniiru. 

Keessumattuu sirna Barnootaa Teekinooloojii Dijiitaalaan deeggaramu hojiirra ooluun raawwii gaarii Yuunvarsiitichaa sadarkaa fooyya’aa ta’etti tarkaanfachiisuuf bu’aa guddaa qaba jedhaniiru.

Kanaaf Barattoonni bara 2017 Yuunvarsiitii Finfinnee irraa eebbifamtan kennaa bara bayyanachuu Itiyoophiyaati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015