Tajaajila waldhaansaa Bilisaan nuuf taassifameen agartuun Ija keenyaa nuuf deebi’uusaan rakkoon keenya salphateera-Waldhaanamtoota - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila waldhaansaa Bilisaan nuuf taassifameen agartuun Ija keenyaa nuuf deebi’uusaan rakkoon keenya salphateera-Waldhaanamtoota

Waxabajjii 21 /2017(TOI)-Tajaajila waldhaansaa Baqaqsanii hoduu moora ijaa bilisaan Hospitaala waliigalaa Roobeetti taassifameeen Agartuun isaanii deebi’ee rakkoonsaanii furamuusaa waldhaanamtoonni dubbatan .
Tajaajila waldhaansaa Hospitaalchi torban tokkoof mijesseen hanga ammaatti namoota dhibee moora ijaa akka qaban adda bahan 300’f tajaajila waldhaansaa baqaqsanii hodhuu taasisuu ibseera.
Tajaajilli waldhaansaa bilisaa baqaqsanii hodhuu moora ijaa, Dhaabbata Miti Mootummaa Faawundeeshinii Fireed Hollow jedhamu Waajjira Fayyaa Godina Baalee fi Hospitaala Walii Galaa Roobee Waliin qindooomuun kan taasifamedha .
Fayyadamtoota Tajaajilichaa keessaa jiraataan Aanaa Agarfaa Obbo Tamaam Kadir yaada kennaniin, waggaa sadiin dura agartuu ijasaanii dhabanii namaan deeggaramanii socho’aa turuu ibsuun, tajaajila waldhaansaa taassifameefiin guutummaa guutuutti arguu danda’uu dubbataniiru.
Agartuun koo waan naaf deebi’eef of danda’ee socho’uufis ta’e hojjechuuf deebi’ee carraa argachuu kootti gammadeera jechuun ibsaniiru.
FayyadamaanTajaajilichaa Biroon obbo Badiruu Xahaa gamasaaniin, dhukkubichi waggaa tokkoof arguu isaan dhowwee manatti akka hafan kaasaniiru.
Dabalataan, Otoon deemaa jiruu boolla keessa bu’uun rakkoon namudatee ture kan jedhan obbo Badiruun agartuu ijaa dhabuun rakkoo isaan mudate yadataniiru.
Tajaajila waldhaansa bilisaa amma isaaniif taassifameen agartuun ijaa koo argachuu kootiif akka nama deebi’ee haaraa dhalateetti natti fakkaata jedhaniiru.
Waajjira fayyaa Godina Baaleetti Qindeessaan to’annoo dukkubootaa obbo Raggaasaa Dachaasaa akka jedhanitti, dhibeen moora ijaa yeroon yoo hin waldhaanamne ija nama jaamsa jedhaniiru.
Bal’ina Rakinichaa ilaalcha Keessa Galchuun waajjirichi Qooda Fudhattooa Waliin ta’uun namoota rakkoo ijaa qabaniif tajaajila waldhaansaa guyyaa 7’f kennaa jiraachuu ibsaniiru .
Tattaaffii hanga ammaatti taassifameen namoota dhibee moora ijaa qaban 300 adda baafamaniif tajaajilli baqaqsanii hodhuu kennamuu eeraniiru.
Tajaajilli baqaqsanii hodhuu Dhaabilee adda addaa waliin ta’uun kennamaa jirus kutaalee hawaasaa dhibee ijaatiin rakkachaa jiran gargaaruu qofa osoo hintaane, beekumsa qooduuf akka gargaaru dubbataniiru.
Qiddeessaan kun dabaluun Qorannoon Ijaa fi Baqaqsanii Hodhuun Ijaa ammallee kenamaa kan jiru yoo ta’u, tajaajilicha kan argatan dhukkubsattoota ogeeyyiin adda bahan qofa ta’uu ibsaniiru.