Ashaaraan Magarriisaa Bu’aalee hedduu argamsiiseera-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan Magarriisaa Bu’aalee hedduu argamsiiseera-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 21/2017(TOI)- Ashaaraan Magarriisaa Bu’aalee hedduu argamsiiseera jechuun ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa mata dureen “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu”jedhamu kennameeraaf.
Ashaaraan Magariisaa hojii Bu’aalee Garagaraa Argamsiisedha kan jedhan ministirri muummee, Biqiltuu Barana Dhaabamu Waliin Biiliyoona 47.5 niguunna jechuun beekksisaniiru.
Kun ammoo bara dhufu kan dhaabnu waliin biiliyoona 54 nita’a jedhan ergaa dabarsaniin.
Itiyoophiyaanonni, dippilomaatonni Itiyoophiyaatti argamtan, lammiileen biyya kamiiyyuu kan sagantaa kanatti amantan, hirmaattan harki keessan kan dhoqqee tuqe, kan dhaabdan, kan kunuunsitan hundi baga gammaddan, baga gammannen jedha jechuun ibsan.
Hawaasni hundaa fi hawaasni dippilomaatii Sagantaa ashaaraa magariisaa har’aa egalee adeemsifamurratti akka hirmaatan waamichan dhiheessa jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa dabarsaniin.