Sagantaan Ashaaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa Biyyoota Hundaaf Fakkeenya KanTa’udha–Itti Aanaa Pirezidaantii  Naayjeeriyaa Kashim Sheetimaa 

Waxabajjii 21/2017(TOI)-Sagantaan Ashaaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa jijjiirama qilleensaaf deebii qabatamaa kennuun Biyyoota Hundaaf fakkeenya kan ta’udha jedhan  Itti Aanaa Pirezidaantii Naayjeeriyaa Kashim Sheetimaa.  

 Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Karoorri Ashaaraa Magariisaa Itiyophiyaa galma akka gahuuf fakkeenya hoggansa ammayyaa ta’uusaanii dabalanii ibsaniiru.

Itti Aanaa Pirezidaantii  Naayjeeriyaa Kashim Sheetimaa sagantaa jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa mata duree “Biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun gaggeeffame irratti  argamuun ergaa dabarsaniiru.

 Ergaa isaaniin Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan jijiirama Qilleensaa Ittisuuf gumaacha olaanaa qabuun jijiirama galmeessaa jirtu dinqisiifataniiru.

Jijjiiramni qilleensaa rakkoo guddaa kan uumee fi tarkaanfii qabatamaa kan barbaadu  dhimma waloo  keenyadha kan jedhan itti aanaan pirezidantiichi, gama Kanaan Itiyoophiyaan rakkichaaf deebii qabatamaa kennuun hojii fakkeenyummaa qabu  raawwachuu ibsaniiru.

Kunis  kutannooo fimul’ata Itiyoophiyaa agarsiisa jedhaniiru.

Itiyoophiyaa fi Naayjeeriyaan Afriikaa Keessaa Biyya baay’ina uummataa hedduu qaban  ta’uusaanii kan ibsan Itti Aanaan Pirezidaantichi biyyoonni lameen mul’ata waliinii qabatanii Caarraa Afriikaaf fooyya’aaf hojjechuu akka qaban kan agarsiisudha jedhaniiru.

Uummata biyyoota lamaanii keesaa dhibbentaa 70  kan ta’an umuriinsaanii waggaa 25 gadi ta’uunsaanii caarraa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dr,Abiyyi Ahimad kaayyoon Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa galma akka gahuuf  fakkeenya hoggansa ammayyaa ta’uu ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015