Tajaajila fayyaa qulqullina qabu hawaasaan gahuuf hojjetamaa jira-biiroo fayyaa naannichaa

Waxabajjii 21/2017(TOI)- Tajaajila fayyaa qulqullina qabu hawaasaan gahuuf hojjetamaa jiraachuu biiroon fayyaa naannichaa Beeksise.

Waltajjiin maree tajaajila dhaabbilee fayyaa bu’uraa naannichaa fooyyessuurratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.

Hooggantuun biiroo fayyaa naannoo Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Warqinaa wayita kana akka ibsanitti, tajaajilli qulqullinasaa eege dhaabbilee fayyaa bu’uraatti akka kennamu hojjetamaa jira.

Tajaajilaa Keellaa fayyaarraa eegalee dhaabbilee fayyaa fi hoospitaalota sadarkaa jalqabaatti kennamu fooyyessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru.

Meeshaalee waldhaansaa fi dawaa dhiheessuun, humna namaa ga’oome guutuun akkasumas hojmaata rifaraalaa cimsiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Ogeeyyota naamusa qabanii fi tajaajiluuf fedhii qaban horachuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Waltajjiin har’aas kellaa fayyaarraa eegalee buufata fayyaa fi hoospitaala sadarkaa jalqabaa walitti hidhuun tajaajila fayyaa fooyya’aa gama kennuuutiin muudannoo walii qooduuf illee kan akeekkamedha jedhaniiru.

Bulchaan godina Shawaa Bahaa Abbaabbuu Waaqoo gmasaaniin, tajaajila fayyaa naannichaa mijeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbieen fayyaa dandeettii faayinaansii cimsachuu akka danda’an taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Godinichatti namoonni kuma 217 inshuraansii fayyaa fayyadamaa akka jiran eeranii, bara bajataa xumuramaa jiru kanatti keellaan fayyaad hedduun ijaaramanii tajaajila kennuu eegaluusaanii dubbataniiru.

Dabalataanis buufataalee fayyaa godinichatti argamaniif maashinoonni Altiraasaawundii fi laaboraatoorii 60 caalan bitamanii tajaajila kennuu eegaluusaanii himaniiru.

Hoggantoonnii fi ogeeyyonni damee fayyaa sadarkaan argaman godinaalee naannichaarraa walitti dhufan maricharratti hirmaachaaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015