Ashaaraan magariisaa qaama ijaarsa biyyaa garaagarummaa malee egeree caaluuf waloon hojjennudha-Ministura muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 20/2017(TOI)- Ashaaraan magariisaa qaama ijaarsa biyyaa garaagarummaa malee egeree caaluuf waloon hojjennudha jechuun ibsan Ministurri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.

Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa baranaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Ittaanaan Pirezidaantii Naayijeeriyaa Kaashim Sheetiimaan, Hooggantoonni olaanoon akkasumas miseensonni hawaasa dippilomaatii biroon bakka argamanitti gaggeeffameera.

Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “biqiltuu dhaabuun bayyanachuu” jedhuun ademmsifamu kanaan sadarkaa biyyaalessaatti biailtuun biiliyoona 7 tuqaa 5 akka dhaabamu ibsameera.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wayita kanattiergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan lammiileeshee Miiliyoonaan lakkaa’aman qindeessuun sagantaa ashaaraa amagariisaan hojii fakkeenya ta’u raawwachuushee dubbataniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa lammiilee hirmaachisuun, bayyanachuu biyyaaf qooda ijoo bahuun akkasumas egeree kan aggaammate ta’uu ibsaniiru.

Hojiin Lammiileen Itiyoophiyaa Miiliyoonaan lakkaa’aman fedhiisaaniin sagantaa ashaaraa amagariisaan raawwatan daneettii ida’amuu kan agarsiise ta’uu eeranii, Kunis sagantaa ashaaraa magariisaa adda isa taasisa jedhaniiru.

Sagantichi uumama kunuunsuun gamatti wabii nyaataa mirkanessuufis dandeettii guddaa uumuusaa dubbataniiru.

Hojiin Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uu fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu sadarkaa idil addunyaatti beekamtii akka argamsiiseef dubbataniiru.

Yaa’iin soorataa Itiyoophiyaa fi dhaabbanni mootummootaa dhiheenya Finfinneetti taa’an akkasumas yaa’iin jijjiirama qilleensaa Afriikaa dhiheenya Finfinneetti taa’amu hojiilee Itiyoophiyaaf beekamtii kan kenne ta’uu wabeeffataniiru.

Dhaloonni ammaa seenaa kadhaa Itiyoophiyaa jijjiiruun biyya fooyyofte dhaloota dhufuuf ijaaruuf ittigaafatama akka qabu kan dubbatan ministirri muummee, kafaaf ammoo gadi jechuun hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Haala Kanaan Ashaaraan magariisaa qaama ijaarsa biyyaa garaagarummaa malee lammiileen garaagarummaa malee egeree caaluuf waloomaan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015