Naannichatti Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban qophaa’aniiru. - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban qophaa’aniiru.

Waxabajjii 20/2017(TOI)- Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qophaa’uu Biiroon qonnaa naannichaa beeksise.
Biirichatti Daarektarri misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Fiqaaduu Dassaaleny TOI’f akka ibsanitii, naannichatti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban buufata biqiltuu 88 tti qophaa’aniiru.
Kanneen keessaa harki 60 biqiltuu Muduraa yoo ta’u harki 40 bosonaa fi kunuunsa lafaaf faayidaa kan qaban ta’uu eerabiiru.
Hawaasni faayidaa ashaaraan magariisaa fide hubachuun biqiltuu ganna dhaabamuuf yeroo ammaa boolla qopheessaa akka jiri ibsaniiru.
Bakkeen Biqiltuun dhaabamu hundi ‘GPS’n galmaa’eera kan jedhan obbo Fiqaaduun, kun ammoo biqiltuun dhuguma dhaabachuusaa mirkaneessuuf nigargaara jedhaniiru.
Biqiltuu bardheengaddaa dhaabame keessaa harki 74 qabachuu eeranii, kun ammoo aadaan ummanni biqiltuu kunuunsuuf qabu gudachuu agarsiisa jedhaniiru.
Qophii biqiltuutiin namoota 750’f carraan hojii uumamuusaa obbo Fiqaaduun kaasanii, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaarratti namoonni kuma 234 caalan nihirmaatu jedhamee akka eegamu himaniiru.