Hojiileen Inniveeshinii haaraa tajaajila fayyaa hundagaleessi Itiyoophiyaatti nihojeeffamu - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Inniveeshinii haaraa tajaajila fayyaa hundagaleessi Itiyoophiyaatti nihojeeffamu

Waxabajjii 20/2017(TOI)-Hojiileen Inniveeshinii haaraa tajaajila fayyaa haqa qabeessaa fi hundagaleessi Itiyoophiyaatti akka hojeeffaman ministirri fayyaa Dr.Maqdas Dhaabaa ibsan.
Yaa’iin innoveeshinii fi qulqullinaa idil addunyaa mata duree “Innoneeshiniin uwwusa fayyaa hundagaleessaaf” jedhuun guyyoota sadan darban Finfinneetti Taa’amaa ture xumurameera.
Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa yaa’ichi wayita cufamu akka jedhanitti, Itiyoophiyaan sirna fayyaa haqa qabeessarratti hundaa’ee fi hunda giddugaleeffate hojeessa jirti.
Gama Kanaan damee tajaajila fayyaan jijjiiramni qabatamaan dhufuu eeranii, fuulduras hojiin innoveeshinii haaraan hojiirra oolchuun cimee itti nifufa jedhaniiru.
Hojmaata innoveeshiniin deeggarame hojeessuun ittigaafatama buusuu fi hojiileen namarratti xiyyeeffatan Akaka ittifufan kaasaniiru.
Hawaasni addunyaa hojiilee Innoveeshinii haaraa damee fayyaan hojiirra oolan faayinaansiin deeggaruun tumsi akka ittifufu Ministir Maqdas dhaamaniiru.
Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa damee innoveeshinii fayyaan galma waloo milkeessuuf yaa’ichi qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Innoveeshiniin qananii akka hintaane ministirichi Kaasanii, qooda ijoo qulqullina fayyaa, qaqqabummaa fi nageenya dhukkubsattootaa caalaatti cimsuuf qabus ibsaniiru.
Kanaaf ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii hojiiee innoveeshinii damee fayyaa mijeessan cimsee akka ittifufu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan damee hundatti Istaart aappii jajjabeessuuf wixinee imaammataa qopheessuushee yaadachiisanii, Istaart aappota damee fayyaan dhufan hojiitti hiikuuf jajjabeessaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Daarektarri saayinsii fi innoveeshinii jiddugala ittisaa fi to’annaa dhukkuba Afriiikaa (CDC) Mosoko Faalaa Afriikaan irra caalaa talaallii alaa galchuun fayyadamaa akka jirtu kaasuun gamtaan Afriikaa dandeettii Afriikaan qabdu fayyadamuun dandeettii oomishtummaashee guddisuuf hojiilee garagaraa raawwachaa akka jiru dubbataniiru.
Dhaabbanni fayyaa addunyaa gamasaatiin hojii Itiyoophiyaan gama fayyaan raawwachaa jirtuuf tumsa akka ittifufu mirkaneessaniiru.