Hojiileen aadaa guddisuuf Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiran nicimu-Biiroo aadaa fi Turizimii naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen aadaa guddisuuf Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiran nicimu-Biiroo aadaa fi Turizimii naannichaa

Waxabajjii 20/2017(TOI)- Hojiileen aadaa guddisuuf Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiran nicimanii akka ittifufan Biiroon aadaa fi Turizimii naannichaabeeksise.
Hooggantoonni biiroo aadaa fi turizimii naannichaa, abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaa mana murtii aadaatti tajaajilanii fi qaamoleen garagaraa dhaabbilee bu’iura misoomaa aadaa fi aartii naannichaa guddisuuf ijaaramaa jiran daawwataniiru.
Keessumaa duudhaaleen aadaa sirna Gadaarraa maddanii fi ummata caalaatti tajaajiluu danda’an faayidaa akka kennan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kanneen keessaa sirni ummanni Oromoo durii eegalee ittiin walgargaaru ‘Buusaa Gonofaa’n bu’ura seeraa argatee hojeeffamaa jiraachuu fi bu’aan irraa argamaa akka jiru ibsaniiru.
Dabalataanis bakkaa bakkatti waldhabdeen wayita uumamu sirnaa fi duudhaa dur tureen haqni akka bahu naannichaa bakkeewwan hundatti manneen murtii aadaa
dhaabbachuusaanii eeraniiru.
Hijiileen aadaa fi aartii guddisuuf mootummaan annannichaa eegale caalaatti cimanii akka ittifufanis dabalanii ibsaniiru.
Abootiin Gadaa marii kanarratti hirmaatan hojiileen aadaa guddisuuf duudhaaleen ummataa gaarii buleeyyiin hojiirra akka oolan akka taasisan arguusaanii dubbataniiru.
Magaalaa Adaamaatti mana murtii aadaarra kan hojjetan obbo Fayyisaa Magarsaa, hojiileen duudhaalee aadaa guddisuuf hojjetamaa jiran kan deeggaraman ta’uu dubbataniiru.
Manneen murtii aadaas ummanni akkaataa aadaa fi duudhaasaatti haqa akka argatu gochaa akka jiran ibsaniiru.
Godina Booranaarraa kan dhufan Obbo Leengaa Jiloo gamasaaniin, hojiin mootummaan naannichaa aadaa guddisuuf hojjechaa jiru kan deeggaramudha jechuun dubbataniiru.