Galmeen Filattootaa Filannoo Majiliisaa bara 2017 Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti boru eegala - ENA Afaan Oromoo
Galmeen Filattootaa Filannoo Majiliisaa bara 2017 Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti boru eegala

Waxabajjii 19/2017(TOI)- Galmeen filattootaa filannoo Majiliisaa bara 2017 Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti boru Waxabajjii 20 irraa eegalee akka gaggeeffamu Boordiin filannoo raawwachiiftuu Mana Maree Olaanaa Dhimma Isilaamaa beeksise .
Boordiin raawwachiiftuu filannoo Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee galmee filannoo majiliisaa kan bara 2017 ilaalchisee miidiyaaf ibseera.
Walitti qabaa Boordii filannoo raawwachiisaa Jibiriil Usmaan ibsa kennaniin akka jedhanitti, boordichi yeoo itti gaafatamummaa fudhatee eegalee qophii haal duree raawwachaa tureera.
Kanaanis baatiiwwan darban hojiiwwan qophii haalduree adda addaa raawwachuu dubbataniiru.
Kutaa Magaalaa irraa eegalee hanga Masjiidaatti Qaama Filannicha Raawwachiisan Gurmeessaa turuu eeraniiru.
Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti galmeen filattootaa boru Waxabajjii 20 bara 2017 irraa eegalee Masjiidotaa fi bakkeewwan kanaaf jedhamee qophaa’etti akka eegalu ibsuun, meeshaawwan galmeef barbaachisan qophaa’uu dubbataniiru.
Kaanaafis Musiliimni Umuriin isaanii waggaa 18 guute galmaa’uu akka danda’an ibsuun, filattoonni yeroo galmeef dhufan waraqaa eenyummaa jiraataa naannawa Masjiidaa itti galmaa’anii ta’uusaanii mirkaneessu qabatanii dhufuu akka qaban beeksisaniiru.
Filannichi elektirooniksiin akka gaggeeffamus walitti qaban kun hubachiisaniiru.