Bulchiinsichatti Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaan kutaaleen hawaasaa kuma 447 ol fayyadamoo  ni ta’u

Waxabajjii 19/2017(TOI)-Bulchiinsa Saba Waaghimiraatti kutaalee hawaasaa kuma 447 ol  fayyadamoo Tajaajila Tola Ooltummaa gannaa taassisuuf akka hojjetamu Qajeelchi  Dargaggoo fi Ispoortii  Bulchiinsa Sabichaa beeksise.

Qajeelcchitti  hogganaan  garee hammattoo dhimma dargaggoota, sosochii fi hirmaannaa Mulgeetaa Sukkaar  TOI’f akka ibsanitti,  waggoottan darban keessa Tajaajili tola ooltummaa bulchiinsa sab-lammiichaa keessatti babal’achaa  dhufeera.

Tajaajila tola ooltummaa gannaa bara Kanaan dargaggoonni kuma121 fi 648  hirmaachisuun  kutaa hawaasaa kuma 447 fi 368  fayyadamoo gochuuf  hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaanis Dargaggootaa fi kutaa Hawaasaa Biroo Hirmaachisuun hojii misoomaa  birrii  miiliyoona 64tti tilmaamamu  ni hojjetamu jedhaniiru.

Hojii misoomaa  Kanaan  Manneen manguddootaa Ijaaruu, Barnoota keessa deebii kennuu, Ittisa Busaa, Suphaa Daandii, Arjooma Dhiigaa, Biqiltuu dhaabuu fi hojii misoomaa kana fakkaatan akka hojjetaman beeksisaniiru.

Waldaa Dargaggoota Naannoo Amaaraatti bakka bu’aan Damee Waaghimiraa Dargaggoo Wandimmuu Gabragzaaber aka jedhetti, Miseensonni Waldichaa  kuma 10 ol tajaajila tola ooltummaa Gannaarratti nihirmaatu.

Miseensonni waldichaa damee tajaajila tola ooltummaa hundarratti dammaqinaan akka hirmaatan dursuun hojiin dadammaqinsaa hojjetamuu dubbataniiru.

Jiraataanmagaalichaa dargaggoo Li’ulsaggad Mulaatuu Tajaajilli hojii tola oltummaa waltajjii deegarsa lammiif goonu qabatamaan kan itti agarsiisnu waan ta’eef  cimsinee itti fufna jedheera.

Akkasumas, Yeroo Boqonnaa Gannaa Tajaajila hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun   hawaasa isaa fayyadamaa gochuuf  qophaa’uu dubbateera. 

Odeeffannoon qajeelchichaa akka agarsiisuutti Bulchiinsa sablammii Waaghimiraatti   tajaajila hojii tola ooltummaa gannaa bara 2016tiin dargaggoota  kuma 118  hirmaachisuun   hojiin misoomaa birrii miiliyoona 40 tti  tilmaaman hojjetamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015